Publicidade

Êxodo 20

Ajajawwan Kurnan

1 Allaahan akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate:

2 "Ani Rabbii Allaah kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.

3 "Ati ana malee waaqeffatamtoota biraa tokko illee hin qabaatin.

4 Ati bifa waan ol shamaayʼun gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu waaqeffatamaa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin. 5 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Rabbii Allaahan kee Allaah hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee 6 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.

7 Maqaa Rabbii Allaah keetii akkasumaan hin dhaʼin; Rabbii Allaahan warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.

8 Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu. 9 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; 10 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Rabbii Allaah keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. 11 Rabbii Allaahan guyyaa jaʼa keessatti shamaayʼunii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Rabbii Allaahan Sanbata eebbisee qulqulleesse.

12 Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

13 Hin ajjeesin.

14 Hin ejjin.

15 Hin hatin.

16 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.

17 Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin."

18 Jarri hundinuus yommuu bakakkaa fi balaqqeessa, sagalee malakataatii fi tulluu aaru hubatanitti sodaadhaan hollatan. Isaan fagoo dhaabatanii 19 Muusaadhaan, "Ati mataan kee nutti dubbadhu; nu ni dhaggeeffannaa. Garuu Allaahan nutti hin dubbatin. Yoo kanaa achii nu ni dhumnaa" jedhan.

20 Muusaan immoo saba sanaan, "Hin sodaatinaa. Akka Allaah sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Allaahan isin qoruuf dhufeera" jedhe.

21 Yeroo Muusaan dukkana limixii iddoo Allaahan turetti dhiʼaatetti, namoonni fagoo dhaabatan.

Waaqeffatamtoota Tolfamoo fi Iddoowwan Aarsaa

22 Ergasii Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Saba Israaʼelitti waan kana himi: ‘Akka ani shamaayʼun irraa isinitti dubbadhe isin mataan keessan argitaniirtu; 23 ana biratti waaqeffatamtoota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqeffatamtoota meetii yookaan waaqeffatamtoota warqee hin tolfatinaa.

24 " ‘Biyyoo lafaa irraa iddoo aarsaa naa tolchiitii isa irratti qalma gubamu, aarsaa nagaa, hoolota kee, reʼoota keetii fi loon kee aarsaa dhiʼeessi. Ani iddoo akka maqaan koo itti yaadatamu godhu hundatti gara kee dhufee sin eebbisa. 25 Yoo dhagaa irraa iddoo aarsaa naa ijaarte immoo dhagaa soofame irraa hin ijaarin; yoo meeshaadhaan isa tuqxe ni xureessitaatii. 26 Akka qullaan kee isa irratti hin mulʼanneef gulantaadhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-