1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Dhiira hangafa hunda addaan naa baasi; Israaʼeloota keessaa namas taʼu horiin hangafni gadameessa banu kam iyyuu kan koo ti."
3 Yommus Muusaan uummataan akkana jedhe; "Sababii Rabbii Allaahan irree jabaadhaan achii isin baaseef guyyaa itti mana garbummaatii Gibxi keessaa baatan kana yaadadhaa. Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa. 4 Isin jiʼa Abiibii keessa guyyaa harʼaa baatan. 5 Yeroo Rabbii Allaahan gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, biyya Hiiwotaa fi Yebuusotaatti jechuunis biyya aannanii fi damma baasu kan inni akka siif kennu abbootii keetiif kakate sanatti si galchutti ati jiʼa kana keessa ayyaana kana ayyaaneffatta; 6 ati bultii torba Maxinoo nyaatta; guyyaa torbaffaatti immoo ayyaana Rabbii Allaah taʼa. 7 Guyyaa torban sana Maxinoo nyaadhu; wanni raacitii qabu tokko iyyuu si biratti hin argamin; daangaa kee hunda keessattis raacitiin hin argamin. 8 Gaafas, ‘Ani waan Rabbii Allaahan yeroo ani Gibxi keessaa baʼetti naa godhe sanaaf jedhee waan kana godha’ jedhiitii ilma keetti himi. 9 Sirni kunis akka seerri Rabbii Allaah arraba kee irra jiraatuuf harka kee irratti akka mallattoo, adda kee irratti immoo akka yaadannoo siif taʼa. Rabbii Allaahan harka isaa jabaa sanaan Gibxii si baaseetii. 10 Atis sirna kana wagguma waggaan yeroo isaatti eeguu qabda.
11 "Yommuu Rabbii Allaahan akkuma siʼii fi abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya Kanaʼaanotaatti si galchee biyyattii siif kennutti, 12 ati hangafa gadameessa banu hunda Rabbii Allaahaf kennita. Kormi horii keetii hangafni hundinuus kan Rabbii Allaah ti. 13 Harree hangafa kam iyyuu ilmoo hoolaatiin furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaas hangafa kam iyyuu furi.
14 "Bara dhufuuf jiru keessa yoo ilmi kee, ‘Kun maal jechuu dha?’ jedhee si gaafate ati akkana jedhiin; ‘Rabbii Allaahan harka jabaadhaan Gibxii, mana garbummaa keessaa nu baase. 15 Yommuu Faraʼoon mataa jabaatee gad nu dhiisuu didetti, Rabbii Allaahan hangafa Gibxi hunda namaa fi horii ajjeese. Sababiin ani korma hangafa gadameessa banu hunda Rabbii Allaahaf aarsaa dhiʼeessuu fi sababiin ani ilmaan koo keessaa hangafa hunda furuuf kanuma.’ 16 Rabbii Allaahan irree jabaadhaan Gibxii nu baasuu isaatiif wanni kun harka kee irratti mallattoo, adda kee irrattis mallattoo taʼa."
17 Yeroo Faraʼoon saba sana gad dhiisetti karichi gabaabaa taʼu iyyuu Allaahan karaa biyya Filisxeem irra isaan hin qajeelchine; sababiin isaas Allaahan, "Isaan yoo waraanni isaan mudate yaada geeddarratanii Gibxitti deebiʼuu dandaʼan" jedhee ti. 18 Kanaafuu Allaahan karaa naannoo gammoojjiitiin gara Galaana Diimaatti saba sana qajeelche. Israaʼeloonnis waraanaaf qophaaʼanii biyya Gibxiitii baʼan.
19 Sababii Yuusuf, "Allaahan dhugumaan isin gargaara; isinis gaafas lafee koo asii fuudhaa baʼaa" jedhee Israaʼeloonni kakachiisee tureef Muusaan lafee Yuusuf fuudhee baʼe.
20 Isaanis Sukootii kaʼanii Eetaam keessa qarqara gammoojjii qubatan. 21 Rabbii Allaahan akka isaan halkanii guyyaa deemuu dandaʼaniif guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura deemee karaa isaan argisiise; halkan immoo isaaniif ibsuuf jedhee utubaa ibiddaatiin isaan dura deemaa ture. 22 Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa, utubaan ibiddaa immoo halkan halkan uummata duraa hin dhabamne ture.