Publicidade

Êxodo 10

Dhaʼicha Hawwaannisaa

1 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera; 2 kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani Rabbii Allaah taʼe akka beektaniif taʼe."

3 Muusaa fi Haaruunis Faraʼoon bira dhaqanii akkana jedhaniin; "Rabbii Allaahan Ibrootaa akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of qabuu didda? Akka isaan na tajaajilaniif saba koo gad dhiisi. 4 Yoo ati gad isaan dhiisuu didde, kunoo ani bori biyya keetti hawwaannisa nan fida. 5 Hawwaannisni kunis hamma namni tokko iyyuu arguu dadhabutti lafa haguuga. Innis waanuma cabbii irraa isinii hafe illee ni fixa; mukkeen alatti isinii guddachaa jiranis nyaatee fixa. 6 Inni mana kee, mana qondaaltota keetii hundaa fi mana warra Gibxi hundumaa guuta; kunis waan abbootiin keetii fi abbootiin abbootii keetii gaafa biyya kana qubatanii jalqabanii hamma harʼaatti hin arginii dha.’ " Kana booddee Muusaan garagalee Faraʼoon biraa baʼe.

7 Qondaaltonni Faraʼoonis, "Namichi kun hamma yoomiitti kiyyoo nutti taʼa? Namoonni kun akka Rabbii Allaah isaanii tajaajilaniif gad dhiisi. Akka Gibxi badde ati amma illee hin hubannee?" jedhaniin.

8 Muusaa fi Haaruunin deebisanii Faraʼoonitti geessan; Faraʼoonis, "Dhaqaatii Rabbii Allaah keessan waaqeffadhaa! Garuu eenyutu deema?" jedheen.

9 Muusaanis, "Nu sababii ayyaana Rabbii Allaah ayyaaneffannuuf dargaggoota keenyaa fi maanguddoota keenya, ilmaanii fi intallan keenya, bushaayee fi loon keenya qabannee deemna" jedhee deebise.

10 Faraʼoonis akkana jedhe; "Yoo ani dubartoota keessanii fi ijoollee keessan isin wajjin gad dhiise, mee Rabbii Allaahan isin wajjin haa taʼu! Kunoo waan hamaatu isin dura jira. 11 Kun hin taʼu! Akka warri dhiiraa qofti dhaqanii Rabbii Allaah waaqeffatan godhaa; isin kanuma barbaaddaniitii." Isaanis fuula Faraʼoon duraa gad baafaman.

12 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, "Akka hawwaannisni biyya Gibxitti buʼee biqiltuu lafa qotiisaa hunda, waan cabbii irraa hafe hundas nyaatuuf harka kee Gibxi irratti diriirsi" jedhe.

13 Muusaanis ulee isaa Gibxi irratti diriirsinaan Rabbii Allaahan guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu akka bubbeen baʼa biiftuu biyyattii keessatti bubbisu godhe; ganama itti aanus bubbeen sun hawwaannisa fidee dhufe; 14 hawwaannisni sunis Gibxi guutuu weerare; biyya hunda keessas baayʼinaan qubate. Dhaʼichi hawwaannisaa kan akkasii duraan takkumaa buʼee hin beeku; ergasiis takkumaa deebiʼee hin buune. 15 Hawwaannisni sunis hamma lafti gurraachaʼutti lafa hunda haguuge; innis waan cabbii irraa hafe hunda, waan alatti biqile hunda, ija mukaa illee ni nyaate. Biyya Gibxi hunda keessatti wanni lalisaan tokko iyyuu muka irratti yookaan biqiltuu irratti hin hafne.

16 Faraʼoonis dafee Muusaa fi Haaruunin waamee akkana jedheen; "Ani Rabbii Allaah keessanii fi isinitti cubbuu hojjedheera. 17 Egaa mee cubbuu koo naa dhiisaa; akka inni dhaʼicha nama ajjeesu kana narraa fuudhuufis Rabbii Allaah keessan duratti duʼaa naa godhaa."

18 Muusaanis Faraʼoon biraa gad baʼee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhate. 19 Rabbii Allaahanis bubbee sana gara bubbee lixa biiftuu jabaatti geeddare; bubbeen sunis hawwaannisa sana fuudhee Galaana Diimaatti naqe. Gibxi keessatti hawwaannisni tokko iyyuu hin hafne. 20 Rabbii Allaahan garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota gad hin dhiifne.

Dhaʼicha Dukkanaa

21 Rabbii Allaahan immoo Muusaadhaan, "Akka dukkanni Gibxi irra buʼuuf harka kee gara shamaayʼuniitti diriirsi" jedhe. 22 Muusaan harka isaa gara shamaayʼuniitti diriirse; dukkanni limixiin isaa guyyaa sadii Gibxi guutuu haguuge. 23 Guyyaa sadan sana namni wal hin argu ture; lafa jiruus hin sochoʼu ture. Israaʼeloonni hundi garuu iddoo jiraatanitti ifa qabu turan.

24 Faraʼoonis Muusaa ofitti waamee, "Dhaqaatii Rabbii Allaah waaqeffadhaa. Dubartoonnii fi ijoolleen keessanis isin wajjin haa deemani; bushaayee fi loon keessan qofa dhiisaa deemaa" jedheen.

25 Muusaan garuu akkana jedhe; "Ati akka nu Rabbii Allaah keenyaaf aarsaa fi qalma gubamu dhiʼeessinuuf nuu eeyyamuu qabda. 26 Horiin keenyas nu wajjin dhaquu qaba; kotteen tokko iyyuu hin hafu. Rabbii Allaah keenya waaqeffachuuf isaan keessaa tokko tokkotti fayyadamna; hamma achi geenyutti Rabbii Allaah waaqeffachuuf maalitti akka fayyadamnu hin beeknu."

27 Rabbii Allaahan garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis gad isaan dhiisuu dide. 28 Faraʼoonis Muusaadhaan, "Fuula koo duraa badi! Lammata fuula koo akka hin argine beekkadhu; ati gaafa fuula koo argite ni duuta!" jedhe.

29 Muusaanis deebisee, "Akkuma ati jette, ani lammata fuula keetti hin mulʼadhu" jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-