Publicidade

Êxodo 34

Gabateewwan Dhagaa

1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen duraa sanaatti soofi; anis dubbii gabateewwan ati caccabsite sana irra turan isaan irratti nan barreessa. 2 Atis ganamaan qophaayiitii Tulluu Siinaatti ol baʼi. Achitti, fiixee tulluu sanaa irratti fuula koo duratti of dhiʼeessi. 3 Namni tokko iyyuu si wajjin hin dhufin yookaan tulluu sana irratti eessumattuu hin mulʼatin. Bushaayee fi loon iyyuu fuula tulluu sanaa duratti hin bobbaʼin."

4 Muusaanis gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti soofe; innis gabateewwan lamaanis harkatti qabatee akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti ganama bariin Tulluu Siinaatti ol baʼe. 5 Rabbii Allaahan duumessaan gad buʼee isa wajjin achi dhaabate; maqaa Rabbii Allaahas ni labse. 6 Allaahan fuula Muusaa dura darbee akkana jedhee labse; "Rabbii Allaahan, Rabbii Allaahan gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa, 7 kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba."

8 Muusaan yommuu suma lafatti gad jedhee sagade. 9 Innis, "Yaa Gooftaa, yoo ani fuula kee duratti ayyaana argadhee jiraadhe, Gooftaan nu wajjin haa deemu. Yoo sabni kun saba mata jabeessa taʼe illee hammina keenyaa fi cubbuu keenya nuu dhiisi; dhaala kees nu godhadhu" jedhe.

10 Kana irratti Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani Rabbii Allaahan siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga. 11 Waan ani harʼa si ajajuuf ajajami. Anis Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota fuula kee duraa ariʼee nan baasa. 12 Akka warra biyya ati itti galuuf deemtu sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu; yoo kanaa achii isaan kiyyoo sitti taʼu. 13 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa. 14 Sababii Rabbii Allaahan maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Allaah hinaafu taʼeef ati Allaah biraa hin waaqeffatin.

15 "Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqeffatamtoota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqeffatamtoota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta. 16 Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqeffatamtoota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu.

17 "Waaqeffatamtoota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin.

18 "Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu. Ati sababii jiʼa Abiibii keessa Gibxii baateef akkuma ani si ajaje sanatti jiʼa Abiibii keessa yeroo murteeffametti bultii torba Maxinoo nyaadhu.

19 "Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti. 20 Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi.

"Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.

21 "Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu.

22 "Mataa qamadii jalqabaa irratti Ayyaana Torbanootaa ayyaaneffadhu; dhuma waggaa irratti immoo ayyaana galchaa midhaanii ayyaaneffadhu. 23 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii fuula Rabbii Allaah Gooftaa, fuula Allaah Israaʼel duratti haa dhiʼaatan. 24 Ani Namoota Ormaa si duraa ariʼee nan baasa; daangaa kee nan balʼisa; yoo ati waggaatti yeroo sadii Rabbii Allaah kee duratti dhiʼaachuu dhaqxus namni tokko iyyuu biyya kee fudhachuu hin hawwu.

25 "Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin; qalmi Ayyaana Faasiikaa irraa hafus hamma bariitti hin turin.

26 "Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Rabbii Allaah keetii fidi.

"Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin."

27 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, "Dubbii kana barreessi; ani akkuma dubbii kanaatti siʼii fi saba Israaʼel wajjin kakuu galeeraatii" jedhe. 28 Muusaanis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Rabbii Allaah bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.

Calaqqisuu Fuula Muusaa

29 Muusaan gabateewwan Dhuga baʼumsaa lamaan sana harkatti qabatee Tulluu Siinaa irraa gad buʼe; innis sababii Rabbii Allaahan wajjin dubbachaa tureef akka fuulli isaa calaqqisu hin beekne ture. 30 Yommuu Haaruunii fi sabni Israaʼel hundi Muusaa arganitti kunoo, fuulli isaa calaqqisaa ture; isaanis isatti dhiʼaachuu sodaatan. 31 Muusaan garuu isaan waame; Haaruunii fi bulchitoonni hawaasichaa hundinuus gara isaatti deebiʼan; innis isaanitti dubbate. 32 Sabni Israaʼel hundi isatti dhiʼaate; innis waan Rabbii Allaahan Gaara Siinaa irratti isatti dubbate hunda isaan ajaje.

33 Muusaan yommuu isaanitti dubbatee fixatetti fuula isaa haguuggate. 34 Yommuu Rabbii Allaahan wajjin dubbachuudhaaf fuula isaa duratti ol seenu garuu hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa fuudha ture. Yommuu inni achii baʼee waan ajajame sana saba Israaʼelitti himutti, 35 isaan akka fuulli isaa calaqqisu argan. Ergasii Muusaan hamma Rabbii Allaah wajjin dubbachuuf ol galutti fuula isaa deebisee haguuggata ture.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-