Publicidade

Êxodo 18

Yootoor Gara Muusaa Dhufe

1 Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Muusaa sun waan Allaahan Muusaa fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka Rabbii Allaahan itti Israaʼelin Gibxii baase dhagaʼe.

2 Erga Muusaan niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Muusaa, ishee fi 3 ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Muusaan, "Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera" jedheeraatii. 4 Kaan immoo, "Allaahan abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera" jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase.

5 Yetroon abbaan niitii Muusaas niitii Muusaatii fi ilmaan Muusaa wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Allaaha iddoo Muusaan qubatee jirutti isa bira dhufe. 6 Yetroonis, "Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira" jedhee dhaamsa itti ergee ture.

7 Muusaanis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan. 8 Muusaan waan Rabbii Allaahan sababii saba Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi warra Gibxi irratti hojjete, rakkina karaa irratti isaan mudate hundaa fi akka itti Rabbii Allaahan isaan oolche abbaa niitii isaatti hime.

9 Yetroonis waan gaarii Rabbii Allaahan harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade. 10 Innis akkana jedhe; "Rabbii Allaahan harka warra Gibxii fi harka Faraʼoon keessaa isin baasee fi inni saba sana harka warra Gibxiitii baase sun haa eebbifamu. 11 Ani amma akka Rabbii Allaahan waaqeffatamtoota kaan hunda caalaa guddaa taʼe nan beeka; inni warra of tuulummaadhaan Israaʼelin rakkisan irratti waan kana raawwateeraatii." 12 Yommus Yetroon abbaan niitii Muusaa sun aarsaa gubamuu fi aarsaa biraa Allaahaf fide; Haaruunis fuula Allaaha duratti Muusaa fi abbaa niitii Muusaa wajjin buddeena nyaachuuf maanguddoota Israaʼel hunda wajjin dhufe.

13 Guyyaa itti aanutti Muusaan sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate. 14 Abbaan niitii isaas yommuu waan Muusaan sabaaf hojjetu hunda argetti, "Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?" jedhe.

15 Muusaan immoo akkana jedhee deebiseef; "Sabni kun fedhii Allaaha barbaacha gara koo dhufaatii. 16 Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Allaahas isaanitti nan hima."

17 Abbaan niitii Muusaa akkana jedhee deebise; "Wanni ati gootu kun gaarii miti. 18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu. 19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Allaahan si wajjin haa taʼu. Ati fuula Allaaha duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Allaahatti fiduu qabda. 20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. 21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Allaah sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. 22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Allaahanis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala."

24 Muusaanis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe. 25 Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate. 26 Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Muusaatti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.

27 Ergasiis Muusaan abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-