Publicidade

Ascensão

Por Bíblia Online

A ascensão de Jesus ao céu é a coroação de sua obra redentora. Ele subiu à destra do Pai, de onde voltará com poder e glória para buscar os seus.

Iisaan Gara Shamaayʼuniitti Ol Fudhatame

Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.

Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Shamaayʼun ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Shamaayʼun ilaaltu? Iisaan innumti isin biraa shamaayʼuniitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni shamaayʼuniitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."

Iisaa Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee shamaayʼuniitti ol fudhatamee gara mirga Allaahatiin taaʼe.

Iisaan Shamaayʼuniitti Ol Baʼe

Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee shamaayʼuniitti ol fudhatame.

Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.

Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa."

Iisaan immoo, "Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Allaah kootii fi Allaah keessaniitti ol nan baʼajedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen.

Iisaanis akkana jedheen; "Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.

Allaahatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis,

Inni fooniin mulʼate;

Hafuuraan mirkaneeffame;

malaʼikkoota Allaahatu isa arge;

saboota keessatti lallabame;

addunyaa irratti itti amaname;

ulfinaan ol fudhatame.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-