Bom ânimo
Tende bom ânimo! Jesus repetiu estas palavras aos seus discípulos em meio às tempestades. No mundo tereis aflições, mas Ele já venceu o mundo — e nos dá coragem para enfrentar tudo.
"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Rabbii Allaahan kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Yushuʼaan, "Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni Rabbii Allaahan diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma" jedheen.
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;
hin raafamin; ani Allaah keetii.
Ani sin jabeessa; sin gargaaras;
ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Warri Rabbii Allaah abdattan hundinuu jabaadhaa;
garaan keessan hin sodaatin.
Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;
irree keetiinis na jabeessite.
Rabbii Allaahan ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Rabbii Allaahan daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Iisaan garuu yommusuma, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee isaanitti dubbate.
isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii.
Inni immoo, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee yommusuma isaanitti dubbate.
Kana irratti inni, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi" jedheen.
Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna.
Suleyimaanis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii Rabbii Allaahan Daawudiif, Suleyimaanii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan.
"Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii.
Ati yoo gaafa rakkinaa laafte,
jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
Kanaaf yaa jarana jabaadhaa! Ani akka wanni kun akkuma natti himame sana taʼu Allaah nan amanaatii.
inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Al-Masiihi Iisaatti akka raawwatu nan amana.
Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
Fayyinni qajeeltotaa Rabbii Allaah biraa dhufa;
inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa; kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.
Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
Kanaaf yaa obboloota, nu dhiphinaa fi ariʼatama keenya hunda keessatti amantii keessaniin waaʼee keessan jajjabaanneerra.
Sabnis akkana jedhee deebiseef; "Waaqeffatamtoota sobaa kanneen biraa tajaajiluudhaaf jennee Rabbii Allaah dhiisuun nurraa haa fagaatu! Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Rabbii Allaah keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan.