Céu
O céu é a morada eterna de Deus e a esperança final do cristão. A Bíblia descreve o céu como lugar de glória, alegria e comunhão perfeita com o Criador.
A morada de Deus
Na casa de meu Pai há muitas moradas. Os céus declaram a glória de Deus — e um dia habitaremos lá eternamente.
Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
Shamaayʼuniiwwan ulfina Allaaha odeessu;
bantiin shamaayʼuniis hojii harka isaa labsa.
Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,
halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Gargaarsi keenya maqaa Rabbii Allaaha,
Uumaa shamaayʼunii fi lafa sanaa ti.
Ani shamaayʼun keessaa eenyunan qaba?
Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
Jalqabatti Allaahan shamaayʼuniiwwanii fi lafa uume. Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Allaahas bishaan irra sosochoʼa ture.
inni darbii isaa ol dheeraa shamaayʼun irratti ijaarratee
hundee isaa lafa irra dhaabbatu,
inni bishaanota galaanaa waamee
fuula lafaa irratti gad roobsu sun
maqaan isaa Rabbii Allaah.
"Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef
iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani shamaayʼunii fi lafa illee nan guuta mitii?"
jedha Rabbii Allaahan.
"Rabbii Allaah Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan shamaayʼuniiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
Cidadania celestial
A nossa cidadania está nos céus. Ajuntai tesouros no céu, não na terra. O céu é a pátria do cristão.
Nu garuu biyyi keenya shamaayʼun irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Iisaa Al-Masiihi eegganna;
"Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne shamaayʼun irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe.
Iisaanis, "Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedhee deebiseef.
Shamaayʼunii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
Esperança eterna
Seremos arrebatados para encontrar o Senhor nos ares. Ainda não se manifestou o que havemos de ser — mas seremos semelhantes a Ele.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna. Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan shamaayʼuniiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee shamaayʼuniitti ol fudhatame.
Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo shamaayʼun keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.
Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.
"Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,
karaan koo karaa keessan irraa,
yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
Wanni hundinuu yeroo qaba;
hojiin shamaayʼuniidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa;
inni akkuma dhufetti deebiʼee deema.
Inni waan itti dadhabe keessaa
waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.