Compaixão
A compaixão é o coração de Deus em ação. Ele é compassivo e misericordioso, tardio em irar-se e grande em amor. Somos chamados a refletir essa compaixão no mundo.
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,
Rabbii Allaahan warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
Yaa Gooftaa, ati garuu Allaah garaa laafessaa fi arjaa dha;
daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,
hidhiin koo si jajatti.
Nu sababii jaalala Rabbii Allaah guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
"Haati daaʼima ishee kan hoosiftu
irraanfachuu ni dandeessii?
Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?
Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera;
dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
Taʼus Rabbii Allaahan isiniif arjoomuu barbaada;
isiniif naʼuufis ni kaʼa:
Rabbii Allaah murtii qajeelaa ti.
Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
Allaahan akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee
balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?
Ati araara gochuutti gammadda malee
bara baraan hin dheekkamtu.
"Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa;
mana Yuusufis nan oolcha.
Ani waanan garaa isaaniif laafuuf
deebisee isaan nan dhaaba.
Isaan akkuma waan ani duraanuu
isaan hin gatinii taʼu;
ani Rabbii Allaah isaanii ti;
deebiis isaaniif nan kenna.
"Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
Kanaafuu isin akkuma warra Allaahaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.
Akkuma Allaahan karaa Al-Masiihiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.
Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Allaaha akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?
Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.
Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa.
Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.