Confiabilidade
A confiabilidade de Deus é absoluta. Ele é fiel em todas as suas promessas, constante em seu amor e seguro em seu caráter. Podemos confiar nele completamente.
Deus é fiel
O Senhor é fiel em todas as suas palavras e bondoso em todos os seus atos. Grande é a sua fidelidade!
Nu sababii jaalala Rabbii Allaah guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
Rabbii Allaahan warra isa waammatan hundatti,
warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
Rabbii Allaahan kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;
yaa Rabbii Allaah, jaalalli kee bara baraan jiraata;
hojii harka keetii hin gatin.
Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraatti
warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;
qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
warra kakuu isaa eeganitti,
warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
Garuu iji Rabbii Allaah warra isa sodaatan irra,
warra araara isaa abdatan irras jira;
Rabbii Allaahan murtii qajeelaa jaallataatii;
warra isaaf amanamanis hin gatu.
Isaanis bara baraan ni eegamu;
sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Allaahanis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
Kanaafuu akka Rabbii Allaahan kee Allaah taʼe beeki; inni Allaah amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.
Rabbii Allaahan mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Caráter de Deus
Toda boa dádiva vem do alto. O Senhor é bom e sua misericórdia dura para sempre. Nele podemos descansar.
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota;
warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
inni warra dheebotan dheebuu baasee
warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;
ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;
ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis
ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
Yaaddoo kee Rabbii Allaahatti kennadhu;
inni si jiraachisa;
namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;
kan si eegu hin mugu;
Integridade e confiança
Eu sou o Alfa e o Ômega — Deus é o mesmo ontem, hoje e sempre. Fiel em o que realizou e realizará por cada filho.
Allaahan Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, "Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha" jedha.
Rabbii Allaah, ati bara baraan bulchi;
teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
Rabbii Allaah, ati Allaah koo ti;
waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen
wantoota dinqisiisoo
bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,
ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;
sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
Namni odeessu dhoksaa gad baasa;
kan amanamu garuu icciitii eega.
Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;
warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
"Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.