Convicção
A convicção cristã é firmeza de fé que não se abala diante da oposição. É a certeza interior que compele a proclamar a verdade com ousadia, independentemente das consequências.
Ousadia para falar
Recebereis poder e sereis minhas testemunhas. A convicção do Espírito nos equipa para proclamar com coragem e sem vergonha.
Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu."
Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Iisaa wajjin turanis ni qalbeeffatan.
Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; "Nu namaaf ajajamuu irra Allaahaf ajajamuu qabna!
Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii injiilaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis duʼaa godhaa; injiilli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf duʼaa naa godhaa.
Ani injiilatti hin qaanaʼu; kunis sababii injiilli humna Allaaha kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin malaʼikkoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa."
Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Injiilaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Allaahatiin na wajjin hirmaadhu;
Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.
Firmeza e confiança
Não temas diante dos homens. A Palavra de Deus é fogo na boca do profeta e firmeza na vida do crente.
Rabbii Allaahan garuu akkana naan jedhe; "Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda.
Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu,
tulluu dheeraatti ol baʼi.
Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu,
sagalee kee ol fudhuutii iyyi;
ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin;
magaalaawwan Yihuudaatiinis,
"Allaahan keessan kunoo ti!" jedhi.
Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf,
Rabbii Allaahan Gooftaan arraba barate naa kenneera.
Inni ganama ganama na dammaqsa;
akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.
Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin."
Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha;
hin qaaneffamus;
Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Allaahan nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.
Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa;
kan Rabbii Allaah amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
Qooda kanaa nu akka warra Allaahan injiila imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Allaah garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti.
"Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu. Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna. Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan shamaayʼun irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.