Coração puro
Bem-aventurados os puros de coração, porque verão a Deus. A pureza de coração é alvo, privilégio e busca constante do cristão que deseja contemplar a face do Senhor.
Coração puro
Bem-aventurados os puros de coração. A pureza interior precede toda transformação externa e abre os olhos para ver a Deus.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;
Allaah ni arguutii.
Eenyutu tulluu Rabbii Allaahatti ol baʼa?
Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu,
nama lubbuu isaa gara waaqeffatamaa tolfamaatti ol hin kaafne
yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
Inni Rabbii Allaah biraa eebba,
Allaah Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu;
yakka koo hundas narraa haqi.
Yaa Allaah, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Fuula kee duraa na hin balleessin;
Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
Dhugumaan Allaahan Israaʼeliif,
warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.
Purificar-se
Todo o que tem essa esperança em Cristo se purifica. O amor procede de coração puro, boa consciência e fé sincera.
Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna. Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.
Duʼaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu, akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Al-Masiihiittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif, akka ulfinaa fi galata Allaahatiifis iji qajeelinaa kan karaa Iisaa Al-Masiihiin argamuun guutamtaniif.
Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif, yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Al-Masiihiitti of jajuu nan dandaʼa.
Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.
Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata;
yaada namaa garuu Rabbii Allaahatu madaala.