Pular para o conteúdo
Publicidade

Deus é amor

Por Bíblia Online

Deus é amor — esta é a declaração mais profunda da Bíblia sobre a natureza divina. Tudo que Deus faz nasce do amor. Quem permanece no amor permanece em Deus.

A natureza de Deus

Deus é amor. Quem permanece no amor, permanece em Deus e Deus nele. Ele nos amou primeiro com amor eterno.

Jaalala Allaahatii fi Jaalala Keenya

Yaa michoota, jaalalli kan Allaaha waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Allaah irraa dhalate; Allaahas ni beeka. Sababii Allaahan jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Allaah hin beeku.

Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

Yoo namni kam iyyuu Iisaan Ilma Allaaha akka taʼe dhugaa baʼe, Allaahan isa keessa jiraata; innis Allaah keessa jiraata.

Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.

Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata.

Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

O amor de Deus revelado

Deus prova o seu amor em que Cristo morreu por nós quando ainda éramos pecadores. Seu amor é compassivo e eterno.

Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.

Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Yaa Gooftaa, ati garuu Allaah garaa laafessaa fi arjaa dha;

daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.

Yaa Allaah, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!

Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Allaahan akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee

balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?

Ati araara gochuutti gammadda malee

bara baraan hin dheekkamtu.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.

Seja o primeiro