Doença
A doença é realidade humana que a Bíblia confronta com compaixão e poder. Jesus curou toda enfermidade e prometeu ouvir a oração da fé pelos enfermos.
Jesus, o curador
Jesus percorreu toda a Galileia curando toda enfermidade e doença entre o povo. Pelo seu nome, curas continuam acontecendo.
Iisaan manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, injiila mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme.
Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.
Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.
Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas nabiiʼiyyichaatiin,
"Inni dhibee keenya nurraa fuudhe;
dhukkuba keenyas ni baate"
jedhame sun raawwatamuuf taʼe.
ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’
"Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine? Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne? Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’
"Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.
Iisaan immoo waan kana dhageenyaan, "Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne" jedheen.
Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Allaaha isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.
Iisaan warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; inni akka isaan mootummaa Allaaha labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge.
Promessas de cura
Eu sou o Senhor que te sara. As Escrituras prometem cura para o corpo e para a alma aos que confiam em Deus.
Innis akkana jedhe; "Ati yoo sagalee Rabbii Allaah keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Rabbii Allaah si fayyisuudhaatii."
Rabbii Allaah kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;
Rabbii Allaah kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;
Rabbii Allaah na fayyisi; anis nan fayyaa;
na oolchi, anis nan oolfama;
kan ani jajadhu sumaatii.
Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;
dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;
Warra garaan cabe ni fayyisa;
madaa isaaniis walitti hodha.
Rabbii Allaahan jaamotaaf agartuu ni kenna;
Rabbii Allaahan warra gad deebiʼan ol qaba;
Rabbii Allaahan qajeeltota ni jaallata.
Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha;
guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan isa ni oolcha.
Rabbii Allaahan isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa;
lafa irratti isa eebbisa;
hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.
Rabbii Allaahan siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa;
fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf duʼaa nan godha.
Oração pelos doentes
A oração da fé salvará o enfermo. Confessai as ofensas uns aos outros e orai uns pelos outros para serdes curados.
Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa duʼaa godhaniif. Duʼaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.
Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa duʼaa godhaniif. Duʼaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.
Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, malaʼikkaan sheeyxaanaa akka na dhiphisuuf naa kenname. Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe. Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Al-Masiihii akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona. Ani waaʼee Al-Masiihiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
Esperança na aflição
Ele tomou sobre si as nossas enfermidades. Mesmo na doença, o coração alegre serve de bom remédio e Deus dá esperança.
Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;
gadda keenyas baate;
nu garuu akka waan Allaahan isa dhaʼeetti,
akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;
gadda keenyas baate;
nu garuu akka waan Allaahan isa dhaʼeetti,
akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
Inni nama biratti tuffatamee jibbame;
inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha.
Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii,
inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
Garaan gammadu qoricha gaarii dha;
hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;
hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;
hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,
guyyaa guutuu aaduu kootiin,
lafeen koo ni bosose.
Yeroo jalqabaatti akka ani sababii dhukkubaatiin injiila isinitti lallabe ni beektu; yoo dhukkubni koo qoramsa isinitti taʼe iyyuu, isin akka waan ani malaʼikkaa Allaaha taʼeetti, akka waan ani Al-Masiihi Iisaa matuma isaa taʼeetti na simattan malee na hin tuffanne yookaan na hin balfine.
Sababii garaa keetiitii fi dhukkuba ammumaa amma sitti kaʼu sanaatiif daadhii wayinii xinnoo ishee dhugi malee bishaan qofa hin dhugin.
Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."