Publicidade

Juízes 13

Dhalachuu Saamsoon

1 Israaʼeloonni ammas fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjetan; kanaafuu Rabbii Allaahan waggaa afurtama dabarsee harka Filisxeemotaatti isaan kenne.

2 Namicha gosa Daan keessaa dhalatee Zoraa jiraatu kan Maanoʼaa jedhamu tokkotu ture; niitiin isaas dhabduu ijoollee tokko illee hin qabne turte. 3 Malaʼikkaan Rabbii Allaahas isheetti mulʼatee akkana jedheen; "Kunoo ati dhabduu ijoollee hin qabnee dha; garuu ulfooftee ilma deessa. 4 Egaa ati akka daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne yookaan waan xuraaʼaa tokko illee hin nyaanne of eeggadhu; 5 ati ulfoofte ilma daʼuuf jirtaatii. Qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin; inni gaafa dhalatee jalqabee Naaziricha taʼuudhaan kan Allaahaf addaan baafame taʼaatii; inni harka Filisxeemotaatii Israaʼeloota furuu jalqaba."

6 Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; "Nama Allaaha tokkotu gara koo dhufe. Innis malaʼikkaa Allaaha fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne. 7 Garuu inni, ‘Ati ulfooftee ilma deessa. Egaa siʼachi daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugin; waan xuraaʼaas hin nyaatin; sababiin isaas inni gaafa dhalatee jalqabee hamma duʼutti Naaziricha Allaaha taʼaatii’ naan jedhe."

8 Maanoʼaanis, "Yaa Gooftaa, akka namichi Allaaha kan ati gara keenyatti ergite sun ammas dhufee akka nu itti mucaa dhalatu sana guddisuu qabnu nu barsiisuuf akka nuuf ergitu sin kadhadha" jedhee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe.

9 Allaahanis Maanoʼaa dhagaʼe; malaʼikkaan Allaaha sunis utuu isheen lafa qotiisaa keessa teessuu gara dubartii sanaa deebiʼee dhufe; dhirsi ishee Maanoʼaan garuu ishee wajjin hin turre. 10 Dubartittiinis dhirsa isheetti himuuf ariifattee, "Kunoo! Namichi guyyaa kaan natti mulʼate sun as jira!" jette.

11 Maanoʼaanis kaʼee niitii isaa duukaa buʼe. Innis yommuu namicha bira gaʼetti, "Namni niitii kootti dubbate siʼii?" jedheen.

Innis, "Anuma" jedhe.

12 Kanaafuu Maanoʼaan, "Yeroo dubbiin kee raawwatamutti seerri mucichi ittiin jiraatuu fi hojiin inni hojjetu maali?" jedhee isa gaafate.

13 Malaʼikkaan Rabbii Allaahas akkana jedhee deebise; "Niitiin kee waan ani itti hime hunda gochuu qabdi. 14 Isheen waan muka wayinii irraa argamu tokko illee nyaachuu hin qabdu; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu dhuguu yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu nyaachuu hin qabdu. Isheen waan ani ishee ajaje hunda gochuu qabdi."

15 Maanoʼaanis malaʼikkaa Rabbii Allaahatiin, "Hamma nu korbeessa reʼee xinnaa isaa siif qopheessinutti nuu turi" jedhe.

16 Malaʼikkaan Rabbii Allaaha, "Ati na tursitu illee, ani nyaata kee kam iyyuu hin nyaadhu. Garuu yoo aarsaa gubamu qopheessuu feete, isa Rabbii Allaahaf dhiʼeessi" jedheen. Maanoʼaan akka inni malaʼikkaa Rabbii Allaah taʼe hin beekne ture.

17 Sana booddee Maanoʼaan malaʼikkaa Rabbii Allaahatiin, "Akka nu yeroo dubbiin ati dubbatte fiixaan baʼutti ulfina siif kenninuuf maqaan kee eenyu?" jedhee gaafate.

18 Innis, "Ati maaliif maqaa koo gaafatta? Inni akka malee dinqii dha" jedheen. 19 Maanoʼaanis korbeessa reʼee xinnaa isaa kennaa midhaanii wajjin geessee kattaa irratti Rabbii Allaahaf aarsaa godhe. Utuma Maanoʼaa fi niitiin isaa ilaalanuus Rabbii Allaahan waan dinqii godhe. 20 Yeroo arrabni ibiddaa iddoo aarsaa irraa shamaayʼuniitti ol baʼetti malaʼikkaan Rabbii Allaah arraba ibiddaa keessaan ol baʼe. Maanoʼaa fi niitiin isaa waan kana arganii adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 21 Malaʼikkaan Rabbii Allaah garuu deebiʼee Maanoʼaa fi niitii isaatti hin mulʼanne. Maanoʼaanis akka inni malaʼikkaa Rabbii Allaah taʼe beeke.

22 Innis niitii isaatiin, "Nu Allaah argineerraatii dhugumaan ni duuna!" jedhe.

23 Niitiin isaa garuu deebiftee akkana jetteen; "Rabbii Allaahan utuu nu ajjeesuu barbaadee silaa aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture; waan kana hundumas nutti hin argisiisu yookaan waan kana amma nutti hin himu ture."

24 Dubartiin sun ilma deesse; Saamsoon jettees isa moggaafte. Innis ni guddate; Rabbii Allaahanis isa eebbise. 25 Hafuurri Rabbii Allaahas yeroo inni Zoraa fi Eshitaaʼol gidduu qubata Daan keessa turetti isa kakaasu jalqabe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_10-32-54-