Publicidade

Juízes 21

Biniyaamotaaf Niitonni Argaman

1 Israaʼeloonni, "Nu keessaa namni tokko illee Biniyaamotatti intala isaa heerumsiisuu hin qabu" jedhanii Miisphaatti wal kakachiisanii turan.

2 Sabnis gara Beetʼeel dhaqanii hamma galgalaatti fuula Allaaha dura taaʼuudhaan sagalee isaanii ol fuudhanii hiqqifatanii booʼan. 3 Isaanis, "Rabbii Allaah, Allaah Israaʼel, wanni kun maaliif Israaʼel irra gaʼe? Harʼa gosti tokko maaliif Israaʼel keessaa dhabamaa?" jedhanii iyyan.

4 Namoonnis guyyaa itti aanutti ganamaan iddoo aarsaa tolchanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessan.

5 Ergasiis Israaʼeloonni, "Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa gosti fuula Rabbii Allaah duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?" jedhanii gaafatan. Namni fuula Rabbii Allaah duratti wal gaʼii irratti hin argamin haa ajjeefamu jedhanii Miisphaatti walii kakatanii turaniitii.

6 Israaʼeloonni garuu obboloota isaanii Biniyaamotaaf garaa laafanii akkana jedhan; "Harʼa gosti tokko Israaʼel irraa citeera. 7 Egaa warra hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? Nu akka intallan keenya isaanitti hin heerumsiifne Rabbii Allaahan kakanneerraatii." 8 Ergasiis, "Gosti Miisphaatti fuula Rabbii Allaah duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?" jedhan. Isaanis akka namni tokko iyyuu Yaabeesh Giliʼaadii gara qubataa wal gaʼiidhaaf hin dhufin beekan. 9 Yeroo namoota lakkaaʼanittis akka namni Yaabeesh Giliʼaad tokko iyyuu achi hin jirre hubatan.

10 Kanaafuu waldaan sun loltoota kuma kudha lama gara Yaabeesh Giliʼaad ergee akka isaan warra achi jiraatan, dubartootaa fi daaʼimman dabalanii goraadeedhaan fixan ajaje. 11 Isaanis, "Wanni isin gochuu qabdan kanaa dha; dhiira hundaa fi dubartoota durbummaa hin qabne hunda ajjeesaa" jedhan. 12 Isaanis namoota Yaabeesh Giliʼaad keessa jiraatan keessaa dubarran takkumaa dhiirri bira hin gaʼin dhibba afur argatan; gara biyya Kanaʼaan kan qubata Shiilootti argamu sanaattis isaan fidan.

13 Ergasiis waldaan guutuun Biniyaamota kattaa Rimoon bira jiraatanitti waamicha nagaa ergan. 14 Biniyaamonnis yeroo sanatti ni dachaʼan; dubartoonni Yaabeesh Giliʼaad kanneen duʼa jalaa baraaraman akka niitota isaaniif taʼaniif kennamaniif; garuu hunda isaanii wal hin geenye.

15 Namoonnis sababii Rabbii Allaahan gosoota Israaʼel gidduutti gargari baʼumsa uumeef Biniyaamiif gaddan. 16 Maanguddoonni waldaas akkana jedhan; "Dubartoonni Biniyaam dhumaniiru; egaa dhiirota hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? 17 Akka gosti tokko Israaʼel keessaa hin badneef Biniyaamonni hafan dhaaltota argachuu qabu. 18 Nu Israaʼeloonni sababii, ‘Namni intala isaa Biniyaamotatti heerumsiisu haa abaaramu’ jennee kakanneef, intallan keenya niitummaadhaan isaanii kennuu hin dandeenyu. 19 Kunoo ayyaanni Rabbii Allaah tokko wagguma waggaan Shiilootti ni ayyaaneffama; Shiiloon kunis Beetʼeel irraa gara kaabaatti, karaa Beetʼeelii baʼee Sheekemitti geessu irraa gara baʼaatti akkasumas Leboonaa irraa gara kibbaatti argamti."

20 Kanaafuu isaan akkana jedhanii Biniyaamota gorsan; "Dhaqaa iddoo dhaabaa wayinii keessa riphaa eeggadhaa. 21 Ilaalaa; yommuu dubarri Shiiloo sirbaaf baʼanitti iddoo dhaabaa wayinii keessaa baʼaatii tokkoo tokkoo keessaniif niitii tokko tokko qabaadhaatii gara Biniyaamitti deebiʼaa. 22 Yommuu abbootiin isaanii yookaan obboloonni isaanii nutti himatanitti, ‘Sababii nu yeroo waraanaatti tokkoo tokkoo isaaniitiif niitii arguu hin dandaʼiniif isin isaan gargaaruudhaan dhiifama nuu godhaa; isinis sababii jaallattanii dubara keessan hin kenniniif balleessaa hin qabdan’ jennaan."

23 Biniyaamonnis akkuma isaanitti himame sana godhan; utuma dubarran sirbaa jiranuus tokkoon tokkoon namaa tokko tokko butee akka niitii isaa taatuuf fudhatee qajeele. Ergasiis gara dhaala isaaniitti deebiʼanii magaalaa isaanii haaromfatanii achi jiraatan.

24 Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.

25 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_09-43-29-