1 Erga Abiimelek duʼee booddee namichi gosa Yisaakor, Toolaan ilmi Phuwaa ilmi Doodoo Israaʼel baraaruuf kaʼe. Innis biyya gaaraa Efreem keessa Shaamiir jiraate. 2 Tolaan waggaa digdamii sadii Israaʼelin bulche; ergasiis duʼee Shaamiiritti qabbarame.
3 Isatti aanee Yaaʼiir namichi gosa Giliʼaad kaʼee waggaa kudha lama Israaʼelin bulche; 4 innis ilmaan soddoma kanneen harroota soddoma yaabbatan qaba ture. Isaanis magaalaawwan hamma harʼaatti gandoota Yaaʼiir jedhaman soddoma Giliʼaad keessaa qabu turan. 5 Yaaʼiiris duʼee Qaamonitti qabbarame.
6 Ammas Israaʼeloonni fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjetan. Baʼaalii fi Ashtooreti akkasumas waaqeffatamtoota Sooriyaa, Siidoonaa, Moʼaab, Amoonii fi kan Filisxeem waaqeffatan. Waan Israaʼeloonni Rabbii Allaah dhiisanii isa waaqeffachuu didaniif, 7 inni isaanitti dheekkame. Dabarsees harka Filisxeemotaatii fi Amoonotaatti isaan gurgure; 8 isaanis bara sana ijoollee Israaʼel gad cabsanii cunqursan. Israaʼeloota biyya Amoorotaa kan Giliʼaad keessa karaa baʼaatiin laga Yordaanos bira jiraatan hundumaa waggaa kudha saddeet akka malee cunqursan. 9 Amoononnis gosa Yihuudaa, gosa Biniyaamii fi mana Efreem waraanuudhaaf laga Yordaanos ceʼan. Israaʼeloonnis akka malee raafaman. 10 Kanaafuu Israaʼeloonni, "Nu si Allaah keenya dhiifnee Baʼaal waaqeffachuudhaan yakka sitti hojjenneerra" jedhanii Rabbii Allaahatti iyyatan.
11 Rabbii Allaahanis akkana jedhee deebiseef; "Yeroo warri Gibxi, Amooronni, Amoononni, Filisxeemonni, 12 Siidoononni, Amaaleqoonnii fi Maaʼoononni isin cunqursinaan isin natti iyyattanitti ani harka isaanii jalaa isin hin baafnee? 13 Isin garuu na dhiiftanii waaqeffatamtoota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu. 14 Deemaatii waaqeffatamtoota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!"
15 Israaʼeloonnis Rabbii Allaahan, "Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi" jedhan. 16 Isaanis waaqeffatamtoota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii Rabbii Allaah waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye.
17 Yeroo Amoononni Giliʼaaditti wal gaʼanitti Israaʼeloonnis wal gaʼanii Miisphaa qubatan. 18 Hooggantoonni namoota Giliʼaadis, "Namni jalqabatti Amoonotatti waraana banu inni jiraattota Giliʼaad hundaaf hoogganaa taʼa" waliin jedhan.