1 Israaʼeloonni fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjetan; innis dabarsee waggaa torbaaf harka Midiyaanotaatti isaan kenne. 2 Israaʼeloonni sababii harki Midiyaanotaa isaanitti jabaateef tulluuwwan irratti, holqaa fi daʼannoo jabaa keessatti ofii isaaniitiif iddoo jiraatanii fi iddoo itti daʼatan qopheeffatan. 3 Yeroo Israaʼeloonni midhaan facaafatan hunda Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuu kaan dhufanii isaan weeraru turan. 4 Achis qubatanii midhaan hamma Gaazaatti jiru hundumaa balleessan; isaan waan lubbuu qabu hoolota, loon yookaan harroota tokko illee Israaʼelootaaf hin hambifne. 5 Akkuma tuuta hawwaannisaattis horii fi dunkaana isaanii fudhatanii isaan irra yaaʼan. Namootaa fi gaalawwan isaanii lakkaaʼuun hin dandaʼamu ture; isaanis biyya sana barbadeessuudhaaf weeraran. 6 Sababii Midiyaanonni akka malee isaan hiyyoomsaniif Israaʼeloonni gargaarsa barbaacha gara Rabbii Allaahatti iyyatan.
7 Yeroo Israaʼeloonni sababii Midiyaanotaatiif gara Rabbii Allaahatti iyyatanitti, 8 inni nabiiʼiyyii akkana jedhee dubbatu tokko isaaniif erge; "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ani biyya Gibxi, biyya garbummaatii baaseen isin fide. 9 Ani humna warra Gibxii fi harka cunqursitootaa jalaa isin furee fuula keessan duraas ariʼee isaan baasee biyya isaanii isinii kenneera. 10 Isiniinis, ‘Ani Rabbii Allaah keessan; waaqeffatamtoota Amoorotaa kanneen isin biyya isaanii keessa jiraattan sanaa hin waaqeffatinaa’ jedheera. Isin garuu sagalee koo hin dhageenye."
11 Malaʼikkaan Rabbii Allaahas ganda Ofraa jedhamu dhufee qilxuu Yooʼaash namicha sanyii Abiiʼezer sanaa jala taaʼe; Gidewoon ilmi Yooʼaash immoo akka Midiyaanonni hin argineef iddoo wayiniin itti cuunfamutti dhoksee qamadii dhaʼata ture. 12 Malaʼikkaan Rabbii Allaahas isatti mulʼatee, "Yaa loltuu goota nana, Rabbii Allaahan si wajjin jira" jedheen.
13 Gidewoon garuu akkana jedhee deebise; "Garuu yaa gooftaa, utuu Rabbii Allaahan nu wajjin jiraatee wanni kun hundi maaliif nurra gaʼa? Dinqiiwwan isaa kanneen abbootiin keenya, ‘Rabbii Allaahan biyya Gibxiitii nu baaseera’ jedhanii nutti himan sun hundi eessa jiru ree? Amma garuu Rabbii Allaahan nu dhiisee harka Midiyaanotaatti dabarsee nu kenneera."
14 Rabbii Allaahan gara Gidewoonitti garagalee, "Humna qabdu kanaan dhaqiitii harka Midiyaanotaa jalaa Israaʼeloota bilisa baasi. Anatu si ergaa jira mitii?" jedheen.
15 Gidewoon garuu, "Yaa Gooftaa, gosti koo sanyii Minaasee keessaa baayʼee dadhabaa dha; anis maatii koo keessaa nama gad aanaa dha. Egaa ani akkamittin saba Israaʼel bilisoomsuu dandaʼa ree?" jedhee gaafate.
16 Rabbii Allaahanis, "Ani si wajjin jira; atis Midiyaanota hunda walitti qabdee dhoofta" jedhee deebiseef.
17 Gidewoonis akkana jedhee deebise; "Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, kan natti dubbachaa jiru dhugumaan siʼi taʼuu mallattoo na argisiisi. 18 Maaloo hamma ani deebiʼee aarsaa koo fidee fuula kee duratti dhiʼeessutti hin deemin."
Rabbii Allaahanis, "Ani hamma ati deebitutti sin eega" jedheen.
19 Gidewoon gara mana isaa deemee ilmoo reʼee tokko qalee qopheessee daakuu iifii tokkoo fuudhee buddeena raacitii hin qabne tolche. Foon sanas gundoo irra kaaʼee bishaan foon sanaa immoo okkoteetti naqee fiduudhaan qilxuu jalatti aarsaa isaaf dhiʼeesse.
20 Malaʼikkaan Allaahas, "Foonii fi Maxinoo kana fuudhiitii kattaa kana irra kaaʼi; bishaan isaa immoo dhangalaasi" jedhe. Gidewoonis akkasuma godhe. 21 Malaʼikkaan Rabbii Allaah sunis fiixee ulee harka isaa tureetiin foonii fi Maxinoo sana tuqe. Ibiddi kattaa keessaa baʼee foonii fi Maxinoo sana nyaate. Malaʼikkaan Rabbii Allaahas fuula isaa duraa dhabame. 22 Gidewoon yommuu akka malaʼikkaa Rabbii Allaah arge beeketti, "Wayyoo, yaa Rabbii Allaah Gooftaa! Ani ifaan ifatti malaʼikkaa Rabbii Allaah argeeraatii!" jedhe.
23 Rabbii Allaahan garuu, "Nagaan siif haa taʼu! Hin sodaatin, ati hin duutuutii" jedheen.
24 Kanaafuu Gidewoon Rabbii Allaahaf achitti iddoo aarsaa ijaaree, "Rabbii Allaahan Nagaa dha" jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
25 Rabbii Allaahan halkanuma sana akkana isaan jedhe; "Karra loon abbaa keetii keessaa korma lammaffaa kan waggaa torba guute tokko fuudhi. Iddoo aarsaa kan abbaan kee Baʼaaliif tolche diigi; utubaa Aasheeraa kan isa bira dhaabames jigsi. 26 Fiixee gaara kanaa irrattis Rabbii Allaah keetiif iddoo aarsaa bareedaa isaa tolchi. Qoraan utubaa Aasheeraa kan jigsite sanattis fayyadamii korma lammaffaa sana aarsaa gubamu godhiitii dhiʼeessi."
27 Gidewoonis hojjettoota isaa keessaa nama kudhan fudhatee akkuma Rabbii Allaahan isatti hime sana godhe. Garuu waan maatii isaatii fi namoota magaalaa sana jiraatan sodaateef guyyaa adiin gochuu irra halkan filate.
28 Ganama barii yommuu namoonni magaalaa sanaa hirribaa kaʼanitti iddoon aarsaa Baʼaal diigamee, utubaan Aasheeraas kufee kormi lammaffaan iddoo aarsaa haaraa tolfame sana irratti qalamee ture!
29 Isaanis, "Eenyutu waan kana hojjete?" jedhanii wal gaafatan.
Yommuu gad fageenyaan qoratanittis, "Gidewoon ilma Yooʼaashitu waan kana godhe" jedhan.
30 Namoonni magaalaa sanaas Yooʼaashiin, "Ilma kee gad baasi. Inni sababii iddoo aarsaa Baʼaal diigee utubaa Aasheeraas jigseef ajjeefamuu qaba" jedhan.
31 Yooʼaash garuu saba aariidhaan guutamee isa marse sanaan akkana jedhe; "Isin Baʼaaliif falmuu barbaaddu? Isas oolchuu feetuu? Namni isaaf falmu yoo jiraate inni ganama haa duʼu! Baʼaal utuu dhugumaan Allaah taʼee yommuu namni tokko iddoo aarsaa isaa diigu inni of irraa dhowwuu dandaʼa ture." 32 Kanaafuu isaan sababii inni iddoo aarsaa isaa jalaa diigeef, "Baʼaal mataan isaa haa falmatu" jechuudhaan Gidewooniin, "Yerub-Baʼaal" jedhanii waaman.
33 Ergasiis Midiyaanonni hundi, Amaaleqoonnii fi namoonni karaa baʼa biiftuu humna isaanii walitti dabalatanii Yordaanos ceʼuudhaan Sulula Yizriʼeel keessa qubatan. 34 Hafuurri Rabbii Allaahas dhufee Gidewoon irra buʼe; innis akka Abiiʼezeroonni isa duukaa buʼaniif waamuuf malakata afuufe. 35 Guutummaa Minaasee keessas ergamoota ergate; isaanis isa duukaa buʼuuf walitti qabaman; akkasumas gara Aasheer, Zebuuloonii fi Niftaalemitti ergate; isaanis jara simachuuf gad yaaʼan.
36 Gidewoonis Allaahan akkana jedhe; "Yoo ati akkuma waadaa galtetti harka kootiin Israaʼel furte, 37 kunoo, ani wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame tokko oobdii irra nan diriirsa. Yoo rifeensa hoolaa sana qofa irra fixeensi buʼee lafti immoo goggogaa taʼe, ani akka ati akkuma jette sana harka kootiin Israaʼel furtu nan beeka." 38 Wanni sunis akkasuma taʼe. Gidewoonis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼe; yeroo inni wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame sana micciirettis bishaan waciitii guutuutu keessaa cuunfame.
39 Kana irratti Gidewoon Allaahan, "Natti hin dheekkamin. Amma illee waan tokkon si gaafadha. Akka ani rifeensa hoolaa sana irratti yaalii biraa godhuuf naa eeyyami. Amma immoo rifeensa sana goggogsiitii fixeensa lafatti uffisi." 40 Allaahanis halkan sana akkasuma godhe. Rifeensa hoolaa sana qofatu goggogaa ture; lafti guutuun fixeemsaan haguugamee ture.