Publicidade

1 Crônicas 25

Faarfattoota

1 Daawud ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:

2 Ilmaan Asaaf keessaa:

Zakuur, Yuusuf, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture.

3 Ilmaan Yeduutuun keessaa:

Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Rabbii Allaah galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan.

4 Ilmaan Heemaan keessaa:

Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti. 5 Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Allaahan abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Allaahanis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.

6 Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Allaaha keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan.

Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan. 7 Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Rabbii Allaahaf faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan. 8 Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.

9 Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yuusufiif, ilmaan Yuusufiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan

lammaffaan Gedaaliyaasiif, isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

10 sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

11 afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

12 shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

13 jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

14 torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

15 saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

16 saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

17 kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

18 kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

19 kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

20 kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

21 kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

22 kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan

23 kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

24 kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

25 kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan

26 kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

27 digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

28 digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

29 digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

30 digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan

31 digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-