Publicidade

1 Crônicas 29

Kennaa Ijaarsa Mana Qulqullummaatiif Kenname

1 Ergasii Daawud mootichi yaaʼii guutuudhaan akkana jedhe; "Ilmi koo Suleyimaan inni Allaahan filate ijoollee fi nama muuxannoo hin qabnee dha. Manni qulqullummaa kun kan Rabbii Allaah, Allaahati malee waan kan namaa hin taʼiniif hojiin isaa guddaa dha. 2 Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Allaah kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera. 3 Kana malees ani jaalalan mana Allaah kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Allaah kootiif nan kenna; 4 kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba, 5 akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Rabbii Allaahaf addaan of baasa?"

6 Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan. 7 Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Allaahatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan. 8 Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ni galche. 9 Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan Rabbii Allaahaf kennaniif sabni sun ni gammade. Daawud mootichis akka malee ni gammade.

Duʼaa Daawud

10 Daawud yaaʼii guutuu duratti akkana jedhee Rabbii Allaah galateeffate;

"Rabbii Allaah, Allaah abbaa keenya Israaʼel

bara baraa hamma bara baraatti

galanni siif haa taʼu.

11 Rabbii Allaah sababii wanni shamaayʼun fi

lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,

ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.

Rabbii Allaah mootummaan kan kee ti;

ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.

12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama;

ati bulchaa waan hundaa ti.

Ol ol guddisuu fi waan hundaaf

jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.

13 Ammas yaa Allaah keenya, si galateeffanna;

maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna.

14 "Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine. 15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu. 16 Yaa Rabbii Allaah keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma. 17 Yaa Allaah koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera. 18 Yaa Rabbii Allaah abbootii keenyaa, Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaq, Allaah Israaʼel fedhii kana bara baraan garaa saba keetii keessa tursi; akka garaan isaaniis amanamaa siif taʼu godhi. 19 Ilma koo Suleyimaaniifis akka inni ajaja kee, qajeelchaa fi labsii kee eegu, akka inni waan kana hunda hojjetee mana qulqullummaa kan ani gumaata godheef kana illee ijaaruuf fedhii garaa guutuu kenniif."

20 Sana booddees Daawud yaaʼii guutuudhaan, "Rabbii Allaah keessan galateeffadhaa" jedhe. Kanaafuu hundi isaanii Rabbii Allaah abbootii isaanii ni galateeffatan; fuula Rabbii Allaahatii fi fuula mootichaa duratti addaan gombifamanii ni sagadan.

Suleyimaan Mootii Taʼuun Isaa Beekame

21 Isaanis guyyaa itti aanutti Rabbii Allaahaf qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha. 22 Isaanis gaafa sana fuula Rabbii Allaah duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan.

Ergasii immoo Suleyimaan ilma Daawud mootii godhanii akka inni bulchaa taʼuuf fuula Rabbii Allaah duratti yeroo lammaffaa diban; Zaadoqiin immoo luba godhan. 23 Kanaafuu Suleyimaan iddoo abbaa isaa Daawud mootii taʼee teessoo Rabbii Allaah irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman. 24 Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawud mootichaa hundi amanamummaa isaanii Suleyimaan Mootichaaf mirkaneessan.

25 Rabbii Allaahanis Israaʼeloota duratti Suleyimaanin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef.

Duʼa Daawud

26 Daawud ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture. 27 Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche. 28 Daawud bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Suleyimaan mootii taʼee iddoo isaa buʼe.

29 Hojiin bara mootummaa Daawud Mootichaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba Seenaa Saamuʼeel namicha mulʼata argu sanaa keessatti, kitaaba seenaa Naataan nabiiʼiyyichaa keessattii fi kitaaba seenaa Gaad namicha mulʼata argu sanaa keessatti, 30 bulchiinsi isaa hundii fi humni isaa, barri inni, Israaʼelii fi mootummoonni biyyoota hundaa keessa darban barreeffameera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-