Publicidade

1 Crônicas 9

1 Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman.

Saba Yerusaalem

Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame.

2 Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti.

3 Saboonni Yihuudaa, kan Biniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan:

4 Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.

5 Shelaanota keessaa:

Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.

6 Zaaraahota keessaa:

Yeʼuuʼeel.

Saboonni Yihuudaa nama 690 turan.

7 Biniyaamota keessaa:

Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;

8 Bineeyaa ilma Yirooham;

Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii;

Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.

9 Sabni Biniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan.

10 Luboota keessaa:

Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;

11 Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Allaaha taʼe sanaa.

12 Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.

13 Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Allaaha keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha.

14 Lewwota keessaa:

Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;

15 Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;

16 Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun;

Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.

17 Eegdota balbalaa:

Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture; 18 innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan.

19 Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii Rabbii Allaah turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan.

20 Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; Rabbii Allaahanis isa wajjin ture.

21 Zakariyaa ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture.

22 Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman.

Eegdota balbalaa kanneenis Daawudii fi Saamuʼeel nabiiʼiyyichatu hojii isaaniitti isaan ramade. 23 Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana Rabbii Allaah jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan. 24 Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan. 25 Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan. 26 Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Allaaha keessaatu itti kenname. 27 Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Allaaha dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan.

28 Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture. 29 Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman. 30 Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture. 31 Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname. 32 Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname.

33 Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture.

34 Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.

Hidda dhaloota Saaʼol

35 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture.

Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha; 36 ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiis, Baʼaal, Neer, Naadaab, 37 Gedoor, Ahiiyoo, Zakariyaa fi Miiqlooti. 38 Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.

39 Neer abbaa Qiishii ti; Qiis abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.

40 Ilmi Yoonaataan:

Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.

41 Ilmaan Miikaa:

Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.

42 Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. 43 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.

44 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis:

Azriiqaam, Bookeruu, Ismaʼiil, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-