1 sheeyxaanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawud saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase. 2 Kanaafuu Daawud Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, "Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa" jedhe.
3 Yooʼaab garuu deebisee, "Rabbii Allaahan loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?" jedhe.
4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe. 5 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawuditti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture.
6 Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Biniyaam itti dabalee hin lakkoofne. 7 Ajajni kun fuula Allaaha durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute.
8 Kana irratti Daawud Allaahan, "Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa" jedhe.
9 Rabbii Allaahanis Gaad nabiiʼiyyii Daawud sanaan akkana jedhe; 10 "Dhaqiitii Daawudiin, ‘Rabbii Allaahan akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi."
11 Kanaafuu Gaad gara Daawud dhaqee akkana jedheen; "Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu: 12 Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee Rabbii Allaah sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee malaʼikkaan Rabbii Allaah kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu."
13 Daawud immoo Gaadiin, "Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka Rabbii Allaah seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin" jedhe.
14 Kanaafuu Rabbii Allaahan Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman. 15 Allaahan akka inni Yerusaalem balleessuuf malaʼikkaa isaa tokko erge. Garuu utuma malaʼikkaan Allaah sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu Rabbii Allaahan balaa sana argee gaabbee malaʼikkaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, "Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu" jedhe. Yeroo sana malaʼikkaan Allaah sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture.
16 Daawudis ol ilaalee malaʼikkaa Rabbii Allaah kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee shamaayʼunii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawudii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.
17 Daawud immoo Allaahan, "Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa Rabbii Allaah koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin" jedhe.
18 Ergasii malaʼikkaan Rabbii Allaah akka Daawud ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Rabbii Allaahaf ijaaru akka inni Daawuditti himu Gaadin ajaje. 19 Kanaafuu Daawud dubbii Gaad maqaa Rabbii Allaahatiin isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe.
20 Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee malaʼikkaa Allaaha sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan. 21 Ergasii Daawud achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawud duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
22 Daawudis, "Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Rabbii Allaahaf tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri" jedheen.
23 Ornaanis Daawudiin, "Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna" jedhe.
24 Daawud Mootichi garuu Ornaadhaan, "Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Rabbii Allaahaf hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu" jedhe.
25 Kanaafuu Daawud gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale. 26 Daawudis achitti iddoo aarsaa Rabbii Allaahaf tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis Rabbii Allaah ni waammate; Rabbii Allaahanis shamaayʼuniidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne.
27 Sana booddee Rabbii Allaahan malaʼikkaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise. 28 Daawud yeroo sanatti akka Rabbii Allaahan oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse. 29 Dunkaanni Rabbii Allaah kan Muusaan gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture. 30 Daawud garuu sababii goraadee malaʼikkaa Rabbii Allaah sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Allaah kadhachuu hin dandeenye.