Publicidade

1 Crônicas 12

Loltoonni Daawuditti Dabalamuu Isaanii

1 Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawud dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha; 2 isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Biniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha.

3 Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan.

Ilmaan Azmaawet Yiziiʼeelii fi Phelet,

Beraakiyaa, Yehuu namicha Anaatoot, 4 Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture;

Ermiyaas, Yahiziiʼeel, Yoohaanaan, Yoozaabaad namicha Gedeeraa, 5 Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa,

6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi,

7 Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor.

8 Yeroo Daawud gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan.

9 Eezer hoogganaa isaanii ture;

Obaadiyaan lamaffaa, Eliiyaab sadaffaa,

10 Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa,

11 Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa,

12 Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa,

13 Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture.

14 Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture. 15 Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan.

16 Namoonni Biniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawud bira gara daʼannoo isaa ni dhufan. 17 Daawudis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; "Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Allaahan abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu."

18 Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe:

"Yaa Daawud, nu kan kee ti!

Yaa ilma Isseey, nu suma wajjin jirra!

Milkaaʼi, milkaaʼi;

warri si gargaaranis haa milkaaʼan;

Allaahan kee si gargaaraatii."

Kanaafuu Daawud isaan simatee dura deemtota loltoota isaa isaan godhate.

19 Yeroo Daawud Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawuditti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, "Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa" jedhanii turaniitii. 20 Yeroo Daawud gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼiil, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan. 21 Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawudin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii. 22 Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Allaaha qabaatutti, namoonni Daawudin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture.

Namoonni Biraas Kebroonitti Daawuditti Dabalaman

23 Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma Rabbii Allaahan dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawudiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawud bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha:

24 Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800;

25 namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100;

26 namoonni Lewwii 4,600; 27 Yehooyaadaan hoogganaa maatii Haaruun ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan; 28 Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22;

29 namoonni Biniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan;

30 namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800;

31 walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawudin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000;

32 namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin;

33 namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawudin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000;

34 namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin;

35 namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600;

36 namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000;

37 gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000.

38 Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha.

Isaanis Israaʼel hunda irratti Daawudin mootii gochuuf kutatanii gara Kebroon ni dhufan. Israaʼeloonni hafan hundinuus Daawudin mootii gochuuf yaaduma tokko qabu turan. 39 Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawud wajjin achi turan. 40 Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-