Publicidade

1 Crônicas 28

Karoora Daawud Mana Qulqullummaatiif Baase

1 Daawud akka isaan Yerusaalemitti walitti qabamaniif hangafoota Israaʼel hunda ni waame; isaanis: Geggeessitoota gosootaa, tajaajila mootummaa keessatti ajajjoota kutaawwan loltootaa, ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa, warra qabeenyaa fi horii mootichaatii fi kan ilmaan isaa irratti itti gaafatamtoota taʼan, qondaaltota masaraa mootummaa, namoota jajjaboo fi gootota waraanaa hunda.

2 Ergasii Daawud Mootichi kaʼee dhaabatee akkana jedhe: "Yaa obboloota koo fi yaa saba ko, mee na dhagaʼaa. Ani taabota kakuu Rabbii Allaahatiif iddoo inni boqotu, Allaah keenyaaf immoo iddoo inni miilla dhaabatu ijaaruu yaadee qophaaʼeera. 3 Allaahan garuu, ‘Ati sababii lola hedduu loltee dhiiga baayʼee dhangalaafteef maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedhe.

4 "Taʼus Rabbii Allaahan, Allaahan Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate. 5 Rabbii Allaahan ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa Rabbii Allaah irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Suleyimaanin filate. 6 Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Suleyimaanii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa. 7 Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’

8 "Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja Rabbii Allaah keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa Rabbii Allaah duratti, akkasumas utuu Allaahan keenya dhagaʼuu isinin ajaja.

9 "Yaa ilma koo Suleyimaan atis Allaah abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Rabbii Allaahan waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa. 10 Amma qalbeeffadhu; Rabbii Allaahan akka ati mana iddoo qulqulluu taʼu tokko ijaartuuf si filateeraatii. Jajjabaadhuu hojjedhu."

11 Ergasii Daawud karoora gardaafoo mana qulqullummaa, kan ijaarsa isaa, kutaawwan miʼi keessa kaaʼamu, kan kutaawwan ol aananiitii fi kutaawwan keessaa, akkasumas karoora iddoo teessoo araaraa ilma isaa Suleyimaanitti kenne. 12 Akkasumas karoora waan Hafuurri qulqulluun isa yaachisee kan oobdii mana qulqullummaa Rabbii Allaaha, kan kutaawwan naannoo isaa jiranii, kutaawwan mana miʼa mana qulqullummaa Allaahatii fi kan mankuusaa miʼoota Allaahatiif addaan baafamanii hunda itti kenne. 13 Karoora ramaddii hojii lubootaatii fi Lewwotaa, tajaajila mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti kennamuu maluu hunda, miʼoota mana qulqullummaa keessatti tajaajilaaf oolan irrattis qajeelfama ni kenneef. 14 Ulfina warqee miʼoota warqee irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaatii fi ulfina meetii miʼoota meetii irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaas isa beeksise: 15 Kunis ulfina baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetamaniitii fi ibsaawwan isaanii, ulfina warqee tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaa isaanii wajjin, akkasumas akkuma hojii tokkoo tokkoo baattuu ibsaa sanaatti ulfina meetii tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaawwan isaa, 16 ulfina warqee tokkoo tokkoo minjaala buddeenni qulqulluun irra kaaʼamuu, ulfina meetii minjaalli irraa hojjetame, 17 ulfina warqee qulqulluu falʼaana, waciitii fi kubbaayyaa, ulfina warqee tokkoo tokkoo caabii warqee irraa hojjetame; ulfina meetii tokkoo tokkoo caabii meetii irraa hojjetame; 18 akkasumas ulfina warqee qulqulleeffame kan iddoo aarsaa ixaanaatiif qopheeffame. Karoora gaarii jechuunis kiirubeelii warqee irraa hojjetaman kanneen qoochoo isaanii babalʼisanii taabota kakuu Rabbii Allaah haguugan itti kenne.

19 Daawudis, "Ani waan kana hunda harka Rabbii Allaah kan narra jiru sanaan barreeffamaan argadhe; innis karoora hojii kanaa hunda irratti hubannaa naaf kenne" jedhe.

20 Daawud ilma isaa Suleyimaaniin akkana jedhe; "Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Rabbii Allaahan, Allaah Gooftaan, Allaahan koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu. 21 Gareen lubootaatii fi Lewwotaa ijaarsa mana qulqullummaa Allaahatiif qophaaʼoo dha. Namni fedhii qabu kan ogummaa hojii gosa kamii iyyuu qabu hundii hojii hunda si gargaara. Qondaaltonnii fi namoonni hundii ajaja kee hunda ni fudhatu."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_06-35-37-