1 Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawudiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawuditti erge. 2 Daawudis akka Rabbii Allaahan saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.
3 Daawudis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche. 4 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Suleyimaan, 5 Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, 6 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 7 Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
8 Filisxeemonni yommuu akka Daawud dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawud garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe. 9 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran; 10 kanaafuu Daawud, "Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?" jedhee Allaah ni gaafate.
Rabbii Allaahanis, "Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii" jedhee deebiseef.
11 Kanaafuu Daawudii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, "Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Allaahan harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera" jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame. 12 Filisxeemonni waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawud immoo akka waaqeffatamtoonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje.
13 Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran; 14 kanaafuu Daawud ammas Allaah gaafate; Allaahanis akkana jedhee deebiseef; "Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani. 15 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Allaahan loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii." 16 Kanaafuu Daawud akkuma Allaahan isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan.
17 Akkasiin maqaan Daawud biyya hunda keessatti beekame; Rabbii Allaahanis akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe.