1 Daawud erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan nabiiʼiyyichaan, "Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu Rabbii Allaah garuu dunkaana keessa jiraata" jedhe.
2 Naataan immoo deebisee Daawudiin, "Allaahan si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi" jedhe.
3 Halkan sana garuu dubbiin Allaaha akkana jedhee gara Naataan dhufe:
4 "Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawuditti himi; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti. 5 Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture. 6 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, "Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?" jedhee beekaa?’
7 "Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawuditti himi; ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe. 8 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha. 9 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan; 10 akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa.
" ‘Ani akka Rabbii Allaahan mana siif ijaaru sittin hima: 11 Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. 12 Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. 13 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu. 14 Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ "
15 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawuditti hime.
16 Ergasii Daawud mootichi ol seenee fuula Rabbii Allaah dura taaʼee akkana jedhe:
"Rabbii Allaah, yaa Allaah, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali? 17 Yaa Allaah, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Rabbii Allaah, yaa Allaah, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte.
18 "Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawud kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii. 19 Rabbii Allaah, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta.
20 "Rabbii Allaah, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Allaahan biraa hin jiru. 21 Sabni akka saba kee Israaʼel kan Allaahan saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa? 22 Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Rabbii Allaah, ati Allaah isaanii taateerta.
23 "Ammas yaa Rabbii Allaah, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu; 24 kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Allaah; inni Allaah Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawudis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
25 "Yaa Allaah ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si duratti duʼaa godhachuudhaaf ija jabina argateera. 26 Rabbii Allaah, ati Allaaha! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta. 27 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa Rabbii Allaahan sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama."