Publicidade

1 Crônicas 3

Ilmaan Daawud

1 Isaan kunneen ilmaan Daawud Kebroonitti dhalchee dha:

Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha;

inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;

2 sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha;

afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;

3 shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;

jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.

4 Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawud Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha.

Daawud Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche; 5 ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha:

Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Suleyimaan. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.

6 Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, 7 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.

9 Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawud turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.

Mootota Yihuudaa

10 Ilmi Suleyimaan Rehooboʼaam;

ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha;

ilmi Abiyaa Aasaa dha;

ilmi Aasaa Yehooshaafaax;

11 ilmi Yehooshaafaax Yehooraam;

ilmi Yooraam Ahaaziyaa;

ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;

12 ilmi Yooʼaash Amasiyaa;

ilmi Amasiyaa Azaariyaa;

ilmi Azaariyaa Yootaam;

13 ilmi Yootaam Aahaaz;

ilmi Aahaaz Hisqiyaas;

ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;

14 ilmi Minaasee Aamoon;

ilmi isaa immoo Yosiyaas.

15 Ilmaan Yosiyaas:

Inni hangafni Yoohaanaan,

lammaffaan Yehooyaaqiim,

sadaffaan Zedeqiyaa,

afuraffaan immoo Shaluum.

16 Ilmaan Yehooyaaqiim:

Ilma isaa Yehooyaakiinii fi

ilma isaa Zedeqiyaa.

Hidda Dhaloota Moototaa Kan Boojuu booddee ture

17 Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa:

Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel, 18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa.

19 Ilmaan Phedaayaa:

Zarubaabelii fi Shimeʼii.

Ilmaan Zarubaabel:

Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti. 20 Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed.

21 Ilmaan Hanaaniyaa:

Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa.

22 Ilmaan Shekaaniyaa:

Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan.

23 Ilmaan Naʼaariyaa:

Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan.

24 Ilmaan Eliiyooʼeenayi:

Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-