1 Ergasii Daawud Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase.
2 Daawud Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif.
3 Kana irrattis Daawud yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate. 4 Daawudis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawud isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe. 6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Rabbii Allaahanis Daawudiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
7 Daawudis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide. 8 Daawud magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Suleyimaan immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete.
9 Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawud guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti, 10 akka inni sababii ol aantummaa Daawud Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef.
11 Daawud Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Rabbii Allaahaf addaan baase.
12 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe. 13 Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawudiif ni garbooman. Rabbii Allaahanis lafa inni dhaqe hundatti Daawudiif moʼannaa ni kenne.
14 Daawud guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
15 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture;
Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture;
16 Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan;
Shaafisaan immoo barreessaa ture;
17 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture;
ilmaan Daawud immoo mootichatti aananii qondaaltota hangafoota turan.