Publicidade

1 Crônicas 22

1 Ergasii Daawud, "Kun mana Rabbii Allaaha, mana, Allaaha ti; kun immoo iddoo aarsaa, aarsaan gubamu Israaʼeliif itti dhiʼeeffamuu dha" jedhe.

Qophii Ijaarsa Mana Qulqullummaa

2 Kanaafuu Daawud akka alagoonni Israaʼel keessa jiraatan walitti qabaman ajaje; isaan keessaas akka isaan ijaarsa mana qulqullummaa Allaahatiif dhagaa soofame qopheessaniif warra dhagaa cabsan ni filate. 3 Inni mismaara ittiin hundaa balbalaa hojjetanii fi miʼa ittiin walitti qabsiisan hojjechuudhaaf sibiila akka malee baayʼee fi naasii madaalliin isaa hamma hin qabne ni kenne. 4 Daawudis sababii warri Siidoonaatii fi warri Xiiroos birbirsa akka malee baayʼee isaaf fidaniif birbirsa baayʼinni isaa lakkaaʼamuu hin dandeenye ni kenne.

5 Daawud akkana jedhe; "Ilmi koo Suleyimaan ijoollee dha; muuxannoo illee hin qabu. Manni Rabbii Allaahaf ijaaramu kun immoo ulfina qabeessa, kan gurra qabuu fi kan fuula saboota hundaa duratti akka malee miidhagu taʼuu qaba. Kanaafuu ani isaaf qophii nan godha." Akkasiin Daawud utuu hin duʼin qophii guddaa godhe.

6 Ergasii Daawud ilma isaa Suleyimaanin waamee akka inni Rabbii Allaah Israaʼeliif mana ijaaru isa ajaje. 7 Daawudis Suleyimaaniin akkana jedhe: "Yaa ilma ko, ani Maqaa Rabbii Allaah kootiif mana ijaaruu yaadee ture. 8 Garuu dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: ‘Ati dhiiga baayʼee dhangalaafteerta; lola hedduus lolteerta. Ati sababii fuula koo duratti dhiiga baayʼee lafa irratti dhangalaafteef Maqaa kootiif mana hin ijaartu. 9 Kunoo ilmi tokko siif ni dhalata; innis nama boqonnaa ni taʼa; anis diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda irraa boqonnaa nan kennaaf. Maqaan isaas Suleyimaan jedhama; ani bara mootummaa isaa keessa Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna. 10 Namni Maqaa kootiif mana ijaaru isa. Inni ilma naaf taʼa; anis abbaa nan taʼaaf. Teessoo mootummaa isaas Israaʼel irratti bara baraan jabeessee nan dhaaba.’

11 "Egaa yaa ilma ko, akkuma inni waaʼee kee dubbate sanatti akka mana Rabbii Allaah keetii ijaaruun siif milkaaʼuuf Rabbii Allaahan si wajjin haa taʼu. 12 Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera Rabbii Allaah keetii eegduuf Rabbii Allaahan ogummaa fi hubannaa siif haa kennu. 13 Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin.

14 "Kunoo, ani ijaarsa mana Rabbii Allaahatiif warqee taalaantii kuma dhibba tokko, meetii taalaantii miliyoona tokko, naasii fi sibiila akka malee baayʼee kan madaalamuu hin dandeenye, mukaa fi dhagaa illee qopheessuu irratti akka malee dadhabeera. Atis itti dabaluu ni dandeessa. 15 Ati hojjettoota hedduu qabda; isaanis: warra dhagaa cabsan, warra mana dhagaa ijaaranii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban, akkasumas namoota ogummaa hojii gosa gosaa, 16 kan hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, ogeeyyii hojii harkaa warra lakkoobsi isaanii hin beekamne qabda. Egaa amma hojii jalqabi; Rabbii Allaahanis si wajjin haa taʼu."

17 Ergasii Daawud akka isaan ilma isaa Suleyimaan gargaaraniif dura buutota Israaʼel hunda ni ajaje. 18 Akkanas isaaniin jedhe; "Rabbii Allaahan keessan isin wajjin jira mitii? Inni gama hundaan boqonnaa isiniif kenneera mitii? Inni jiraattota biyya kanaa dabarsee natti kenneeraatii; biyyattiinis Rabbii Allaah fi saba isaatiif garboomteerti. 19 Amma Rabbii Allaah, Allaah keessan barbaaduuf garaa fi lubbuu keessan guutuudhaan kutadhaa kaʼaa. Akka taabota kakuu Rabbii Allaahatii fi miʼoota qulqulluu kan Allaaha fiddanii mana qulqullummaa kan Maqaa Rabbii Allaah, Allaahatiif ijaaramuuf jiru sanatti galchitaniif mana Rabbii Allaah ijaaruu jalqabaa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_06-35-37-