Publicidade

1 Crônicas 1

Sanyii Aadam
Hamma Ilmaan Nuuhiitti

1 Aadam, Seeti, Enoosh,

2 Qeenaan, Mahalaleel, Yaared,

3 Henook, Matuuselaa, Laameh,

Noh.

4 Ilmaan Nuuhi: Seem, Haam, Yaafet:

Yaafetoota

5 Ilmaan Yaafet:

Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.

6 Ilmaan Goomer:

Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.

7 Ilmaan Yaawaan:

Al-yaasaʼaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.

Kaamota

8 Ilmaan Haam:

Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.

9 Ilmaan Kuushi:

Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan.

Ilmaan Raʼimaa:

Shebaa fi Dedaan turan.

10 Kuushi abbaa Naamruud;

Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.

11 Misrayim immoo abbaa

Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa, 12 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.

13 Kanaʼaan abbaa

Siidoon ilma isaa hangaftichaa akkasumas kan Heetotaa, 14 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 15 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, 16 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.

Seemota

17 Ilmaan Seem:

Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.

Ilmaan Arraam:

Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.

18 Arfaakshad Sheelaa dhalche;

Sheelaan immoo Eeberin dhalche.

19 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate:

Sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef, maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.

20 Yooqxaan immoo

Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa, 21 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa, 22 Eebaal, Abiimaaʼeel, Shebaa, 23 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.

24 Seem, Arfaakshadi, Sheelaa,

25 Eeberi, Felegi, Reʼuu,

26 Seruugi, Naahoor, Taaraa,

27 akkasumas Ibraam kan Ibraahim jedhame sanaa dha.

Maatii Ibraahim

28 Ilmaan Ibraahim: Yisihaaqii fi Ismaʼiil.

Sanyiiwwan Haagaari

29 Sanyiiwwan isaanii warra kanneenii dha:

Nabaayooti ilma Ismaʼiil hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami, 30 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, Hadaad, Teemaa, 31 Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa.

Isaan kunneen ilmaan Ismaʼiil.

Sanyiiwwan Heeturaa

32 Ilmaan Qexuuraan saajjatoon Ibraahim sun deesse:

Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa.

Ilmaan Yokshaan:

Shebaa fi Dedaan.

33 Ilmaan Midiyaan:

Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa.

Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.

Sanyiiwwan Saaraa

34 Ibraahim abbaa Yisihaaq.

Ilmaan Yisihaaq:

Esaawuu fi Israaʼel.

Ilmaan Esaawuu

35 Ilmaan Esaawu:

Eliifaaz, Reʼuuʼeel, Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi.

36 Ilmaan Eliifaaz:

Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz;

karaa Tiimnaatiin: Amaaleq.

37 Ilmaan Reʼuuʼeel:

Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah.

Namoota Seeʼiir kanneen Edoom keessa Jiraatan

38 Ilmaan Seeʼiir:

Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, Diishoon, Eezerii fi Diishaan.

39 Ilmaan Looxaan:

Hoorii fi Hoomaam, Tiimnaa obboleettii Looxaan.

40 Ilmaan Sobaal:

Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.

Ilmaan Zibeʼoon:

Ayyaa fi Aannaa.

41 Ilmi Aannaa:

Diishoon.

Ilmaan Diishoon:

Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.

42 Ilmaan Eezeri:

Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.

Ilmaan Diishaan:

Uuzii fi Araan.

Bulchitoota Edoom

43 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:

Belaa ilma Beʼoor kan magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame sana.

44 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

45 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

46 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.

47 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

48 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

49 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

50 Baʼaal-Haanaan duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture; isheenis intala Maxreed, intala Mee-Zaahaab turte. 51 Hadaadis ni duʼe.

Hangafoota saba Edoom:

Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti, 52 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon, 53 Qenaz, Teemaan, Mibzaar, 54 Magidiiʼeelii fi Iiraam.

Namoonni kunneen hangafoota Edoom turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-