1 Isaanis taabota Allaaha fidanii dunkaana Daawud dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Allaaha duratti ni dhiʼeessan. 2 Daawudis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Rabbii Allaahatiin namoota ni eebbise. 3 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
4 Innis akka isaan fuula taabota Rabbii Allaah duratti tajaajilaniif, akka isaan Rabbii Allaah Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate; 5 isaanis Asaaf hangafticha, Zakariyaa itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture; 6 Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Allaaha duratti malakata afuufu turan.
7 Daawudis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa zabuurii galataa kana Rabbii Allaahaf faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
8 Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
9 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
garaan warra Rabbii Allaah barbaadanii haa gammadu.
11 Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi
murtii inni labse yaadadhaa;
13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan,
isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaʼikuubis kana yaadadhaa.
14 Inni Rabbii Allaah keenya;
murtiin isaas lafa hunda irra jira.
15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas
dhaloota kumaaf ni yaadata;
16 inni kakuu Ibraahim wajjin gale,
kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
17 Kanas Yaaʼikuubiif seera,
Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
18 "Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee,
siif nan kenna" jedhe.
19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo
gara mootummaa biraatti jooran.
21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
22 "Dibamtoota koo hin tuqinaa;
nabiiʼiyyoota koos hin miidhinaa."
23 Lafti hundinuu Rabbii Allaah faarfadhaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
24 Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
25 Rabbii Allaahan guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
inni waaqeffatamtoota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
26 Waaqeffatamtoonni saboota ormaa hundinuu waaqeffatamtoota tolfamoodhaatii;
Rabbii Allaahan garuu shamaayʼuniiwwan uume.
27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
28 Yaa maatiiwwan sabootaa, Rabbii Allaahaf kennaa;
ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf kennaa.
29 Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa.
Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
bareedina qulqullummaa isaatiin Rabbii Allaah waaqeffadhaa.
30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa!
Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
31 Shamaayʼuniiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
isaan saboota gidduutti, "Rabbii Allaahan moʼeera!" haa jedhan.
32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu;
dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan;
isaan gammachuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatan;
inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.
34 Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
35 Akkana jedhaatii iyyaa; "Yaa Allaah,
Fayyisaa keenya, ati nu baasi;
akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,
akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi."
36 Rabbii Allaah Israaʼeliitiif
bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.
Kana irratti namni hundinuu, "Ameen; Rabbii Allaahan haa galatoomu" jedhe.
37 Daawudis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Rabbii Allaah duratti isaan dhiise. 38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
39 Daawud Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Rabbii Allaah qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise; 40 kunis isaan akkuma waan Seera Rabbii Allaah kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Rabbii Allaahaf akka dhiʼeessaniif. 41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, "Jaalalli isaa bara baraan jiraata" jedhanii Rabbii Allaahaf galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture. 42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Allaaha irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawud immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.