1 Daawud ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate. 2 Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; "Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii Rabbii Allaah keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu. 3 Taabota Allaah keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii." 4 Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale.
5 Kanaafuu Daawud taabota Allaaha Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe. 6 Daawudii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Allaah kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa Rabbii Allaahatiin waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
7 Isaanis taabota Allaaha sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan. 8 Daawudii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Allaaha duratti gammadanii shuubbisaa.
9 Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate. 10 Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi Rabbii Allaah Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Allaaha duratti ni duʼe.
11 Daawudis sababii Rabbii Allaahan akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
12 Daawudis gaafa sana Allaah sodaatee, "Ani akkamittan taabota Allaaha gara mana kootti fiduu dandaʼa?" jedhee gaafate. 13 Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawud keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. 14 Taabonni Allaahas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; Rabbii Allaahanis warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise.