1 Malaʼikkaan Rabbii Allaah Gilgaalii Bookiimitti ol baʼee akkana jedhe; "Ani Gibxii isin baasee biyya ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fideera. Akkanas nan jedhe; ‘Ani kakuu isin wajjin gale sana gonkumaa hin diigu; 2 isinis warra lafa kana irra jiraatan wajjin kakuu hin galinaa; iddoo aarsaa isaanii garuu caccabsaa.’ Taʼus isin naaf hin ajajamne. Isin maaliif waan kana gootan? 3 Kanaafuu ani amma akka fuula keessan duraa ariʼee isaan hin baafne isinitti nan hima; isaan iddaa isinitti taʼu; waaqeffatamtoonni isaanii immoo kiyyoo isinitti taʼu."
4 Yeroo malaʼikkaan Rabbii Allaah waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan; 5 isaanis iddoo sana Bookiim jedhanii waaman. Achittis Rabbii Allaahaf aarsaa dhiʼeessan.
6 Erga Yushuʼaan Israaʼeloota gad dhiisee booddee tokkoon tokkoon isaanii biyyattii dhaaluuf gara dhaala ofii isaanii deeman. 7 Uummanni bara jireenya Yushuʼaa guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan guddaa Rabbii Allaahan Israaʼeliif godhe argan sunis Rabbii Allaah tajaajilan.
8 Yushuʼaan ilmi Nuuni garbichi Rabbii Allaah waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. 9 Isaanis lafa dhaala isaa Timnaat Herees kan biyya gaaraa Efreemitti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa qabbaran.
10 Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Rabbii Allaah hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe. 11 Israaʼeloonnis fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan. 12 Isaan Rabbii Allaah abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana ni dhiisan. Waaqeffatamtoota adda addaa kanneen saboota naannoo isaanii jiraatanii duukaa buʼan; ni waaqeffatanis. Rabbii Allaahas dheekkamsaaf kakaasan; 13 isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii. 14 Rabbii Allaahanis Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure. 15 Yommuu Israaʼeloonni lolaaf baʼanitti akkuma inni duraan kakate sanatti harki Rabbii Allaah isaanitti hammaatee akka isaan moʼataman godha ture. Isaanis rakkina guddaa keessa buʼan.
16 Rabbii Allaahanis abbootii murtii kanneen saamtota jalaa isaan baasan isaaniif kaase. 17 Isaan garuu waaqeffatamtoota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii Rabbii Allaahaf ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone. 18 Rabbii Allaahan yeroo abbaa murtii tokko isaanii kaasetti hamma abbaan murtii sun jirutti isa wajjin jiraatee harka diinota isaanii jalaa isaan baasa ture; Rabbii Allaahan yeroo isaan sababii warra isaan cunqursanii fi warra isaan miidhaniitiin wawwaatanitti garaa laafaaf tureetii. 19 Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqeffatamtoota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.
20 Kanaafuu Rabbii Allaahan Israaʼelitti akka malee dheekkamee akkana jedhe; "Waan sabni kun kakuu ani abbootii isaatiif gale sana cabsee anas dhagaʼuu dideef, 21 ani siʼachi saboota Yushuʼaan yeroo duʼetti isaan gidduutti dhiise sana isaan duraa ariʼee hin baasu. 22 Karaa saboota kanaatiinis akka isaan akkuma abbootii isaanii karaa Rabbii Allaah eeganii irra deddeebiʼanii fi akka isaan hin eegne ilaaluuf jedhee Israaʼelin nan qora." 23 Kanaafuu Rabbii Allaahan akka saboonni kunneen achumatti hafan eeyyame; harka Yushuʼaattis dabarsee isaan kennuudhaan dafee achii isaan hin baafne.