Publicidade

Filhos

Por Bíblia Online

Os filhos são herança do Senhor — bênção e responsabilidade sagrada. A Bíblia orienta sobre a criação dos filhos com amor, disciplina e instrução nos caminhos de Deus.

Herança do Senhor

Os filhos são herança do Senhor e o fruto do ventre é seu galardão. Bem-aventurado o homem que enche deles a sua aljava.

Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,

akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.

Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.

Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Zabuurii Ol Baʼuu.

Warri Rabbii Allaah sodaatan,

kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;

ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.

Niitiin kee mana kee keessatti,

akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;

ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,

akka lataa muka ejersaa ni taʼu.

Namni Rabbii Allaah sodaatu

akkasitti eebbifama.

Zabuurii Ol Baʼuu.

Warri Rabbii Allaah sodaatan,

kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;

ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.

Niitiin kee mana kee keessatti,

akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;

ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,

akka lataa muka ejersaa ni taʼu.

Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti,

akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan;

intallan keenyas akka utubaa golee,

kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.

Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;

dhaloonni tolootaa ni eebbifama.

Allaahanis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota shamaayʼun irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.

Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu.

Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu.

Instruir e disciplinar

Instrui a criança no caminho em que deve andar, e quando envelhecer não se desviará dele. Disciplina é amor em ação.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;

uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;

kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti

gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.

Jecha kudha sadaffaa

Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;

yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.

Ogummaan Waan Hunda Caalti

Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;

qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.

Fakkeenyawwan Suleyimaan:

Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;

ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

O amor de Deus por crianças

Deixai vir a mim as crianças. Jesus acolheu, abençoou e honrou as crianças como modelo de fé e humildade.

Iisaan yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Allaaha kan warra akkanaatii.

Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!

Iisaanis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Allaahatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.

Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,

Rabbii Allaahan warra isa sodaataniif garaa ni laafa;

Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Bênção e promessa

O Senhor te abençoe e te guarde. Os filhos dos justos serão abençoados e suas gerações caminharão na retidão.

" ‘ "Rabbii Allaahan si haa eebbisu;

si haa eegus;

Rabbii Allaahan fuula isaa siif haa ibsu;

garaa siif haa laafu.

Rabbii Allaahan fuula isaa gara keetti haa deebisu;

nagaas siif haa kennu." 

Allaahan fixeensa Shamaayʼunii,

lafa gabbataa, midhaanii fi

wayinii akka malee baayʼatu siif haa kennu.

Saboonni si haa tajaajilan;

uummannis siif haa sagadan.

Obboloota kee irratti gooftaa taʼi;

ilmaan haadha keetiis siif haa sagadan.

Warri si abaaran haa abaaraman;

warri si eebbisan immoo haa eebbifaman."

Ani lafa dheebote irratti bishaan,

lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii;

ani ijoollee kee irratti Hafuura koo,

sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.

Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi

akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu.

Rabbii Allaahan ilmaan kee hunda ni barsiisa;

nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.

"Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;

utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;

akka ati sabootaaf nabiiʼiyyii taatuufis si muude."

Isaan saba koo taʼu; anis Allaah isaanii nan taʼa. Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,

lafeen koo si duraa hin dhokanne.

Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,

iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.

Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,

kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.

Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame;

erga haati koo na deessee jalqabdee ati Allaah koo ti.

Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;

garuu qajeeltonni gatamuu isaanii

yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.

Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;

ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.

Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;

hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,

humna isaatii fi dinqii inni hojjete,

dhaloota itti aanutti ni himna.

Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;

haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.

Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata;

ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.

Criação e obediência

Pais, criai vossos filhos na disciplina e instrução do Senhor. Filhos, obedecei a vossos pais — isto é justo e agradável a Deus.

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.

Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti.

Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Allaah gammachiisaatii.

Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.

Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-