Publicidade

Generosidade

Por Bíblia Online

A generosidade é marca do caráter de Deus e vocação do cristão. Deus ama ao que dá com alegria. Quem semeia generosamente, generosamente colherá.

Dar com alegria

Deus ama ao que dá com alegria. Cada um contribua segundo propôs no coração — não com tristeza ou por necessidade.

Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Allaahan nama gammachuun kennu jaallataatii.

Arjummaan Jajjabeeffamuu Isaa

Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata. Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Allaahan nama gammachuun kennu jaallataatii. Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Allaahan ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa. Kunis akkuma,

"Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne;

qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata"

jedhamee barreeffamee dha. Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa. Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Allaahaf irra dhangalaʼu taasisa.

Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.

Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.

Partilhar e abençoar

Quem dá aos pobres empresta ao Senhor. A generosidade abre portas de bênção sobre quem dá e sobre quem recebe.

Namni arjaan ni badhaadha;

namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

Namni tokko toluma waa namaa kenna;

taʼus ittuma caalchisee sooroma;

kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.

Namni arjaan ni badhaadha;

namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

Qabeenya keetiin,

mataa midhaan keetii hundaanis Rabbii Allaah kabaji;

yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama;

iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.

Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti,

warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.

Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide,

innis ni iyya; deebiis hin argatu.

Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.

O ensino de Jesus

Dai e dar-se-vos-á. A quem te pedir, dá. O que fizestes a um destes mais pequeninos, a mim o fizestes.

Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii."

Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii."

Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin.

Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"

Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.

"Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

"Mootiin sunis deebisee, Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootanjedhaan.

Generosidade de Deus

Se Deus dá sabedoria generosamente a quem pede, quanto mais nos dará Ele forças e suprimento em toda necessidade?

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu. Isin keessaa yoo namni tokko, "Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas" isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree? Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.

Inni dadhabdootaaf jabina kenna;

nama laafaaf immoo humna dabala.

Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,

nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-