Humildade
A humildade é o caminho da honra verdadeira. Deus resiste aos soberbos, mas dá graça aos humildes. Jesus lavou os pés dos discípulos e nos ensinou que o maior é aquele que serve.
Humilhar-se diante de Deus
Humilhai-vos diante do Senhor e Ele vos exaltará. Quem se humilha será exaltado, e quem se exalta será humilhado.
Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
Kanaafuu akka Allaahan yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.
yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
Rabbii Allaahan gaarii dha; tolaadhas;
kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;
karaa isaas isaan barsiisa.
Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;
namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
Humildade como virtude
Considerai os outros como superiores a vós mesmos. Revesti-vos de humildade, mansidão e paciência no trato uns com os outros.
Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
Allaah keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen.
Kanaafuu isin akkuma warra Allaahaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.
Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.
Hafuuraan Jiraachuu
Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
Sababii Waan Gaarii Hojjetaniif Dhiphachuu
Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Allaaha duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.
O exemplo de Jesus
Aprendei de mim, que sou manso e humilde de coração. O maior entre vós seja o que serve — esse é o caminho do Reino.
Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha."
"Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
Iisaanis taaʼee warra kudha lamaan waamee, "Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba" jedheen.
akkanas isaaniin jedhe; "Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii."
Gad of qabiisnii fi Rabbii Allaah sodaachuun,
qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa;
gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
Humildade verdadeira
O que se exige de ti? Praticar a justiça, amar a misericórdia e andar humildemente com teu Deus.
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.
Rabbii Allaahan maal sirraa barbaada?
Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,
akka ati gad of qabdee Allaah kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname
Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
Allaahan waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate; kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.
Ogummaa Gosa Lamaa
Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.