Jesus Cristo
Jesus Cristo é o centro de toda a Escritura — Deus encarnado, Salvador do mundo, Senhor dos senhores. Nele habita corporalmente toda a plenitude da divindade.
A divindade de Cristo
No princípio era o Verbo, e o Verbo estava com Deus, e o Verbo era Deus. Jesus é Deus revelado em carne humana.
Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.
Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu. Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira. Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dada maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne.
Jechi nama te’ee, badhaadhaa fi dhuga’aan guutamee, odduu teenna le’e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba’aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
Guutummaan waaqumma’aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti.
Guutummaan waaqumma’aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti. Isinille Kiristoosii dada ifii duudii irratti mataa bulchiisaatii fi baallii maraa te’een, jiruu guutuu dhaggattane.
Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
Inni yennaa maraa adaba waaqumma’aa adoo qabuu,
ulfinna waaqumma’aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu
lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
Ammoo ulfinna ifii lakkisee
akka garbaa te’ee mudhate;
akka namaa te’ee dhalate;
nama fakkaatee mudhate.
Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
Jesus, o Filho de Deus
Tu és o Cristo, o Filho do Deus vivo! Jesus revelou o Pai e demonstrou sua autoridade divina por palavras e obras.
Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe. Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata’aa ti» jedhe. Yesuusille deebisee, «Ilma Yoona’aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti.
Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu’el› jedhamee waamama;» «Amaanu’el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu’u.
Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho’a lafaatii fi waan te’e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.
Inni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, «Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata’aa si’ii?» jedhee gaafate. Yesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande’u tee’ee ol-gubba’aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe.
Inni ammoo, «Hin rifatina’a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka’eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala’a!
Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu’e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama’a. Ani si’itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage’ante.
Eu Sou
Jesus disse: antes que Abraão existisse, Eu Sou. Ele se identificou com o nome divino revelado a Moisés na sarça ardente.
Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‹Ana›» jedhe.
Muuseelle Waaqaan, «Ani gara Israa’elootaa dhaqee, ‹Waaqi abbootii teessanii gara keessan na ergeera› isaaniin yoo jedhe, isaan ammoo, ‹Maqaan isaa eennu?› jedhanee yoo na gaafatane, ani maan isaanitti hima?» jedhe.
Waaqi Muuse’een, «Ani Waaqa jiraata’a; ati kolbaa Israa’eliitiin ‹Waaqi jiraataan gara keessan na ergeera› jetta» jedhe.
Abba’aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe.
Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te’in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te’in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
Akkuma Abbaan worra du’ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. Abbaan eennulle’etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a.
O Salvador e Senhor
Jesus é o caminho, a verdade e a vida. Não há outro nome dado entre os homens pelo qual devamos ser salvos.
Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.
Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee’eera; Filiphoos! Ati haga ammaa na hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu’utti mudhisi› jetta ree? Filiphoos! Akka ani Abba’aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, na keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a;
Yesuus isi’iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe.
Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi’iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.
Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [ Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te’e hin dhugeeffadha» jedhe.] Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe.
A supremacia de Cristo
Ele é o resplendor da glória de Deus e a expressão exata do seu ser. Toda a plenitude habita nele e por Ele tudo subsiste.
Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe’e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba’atti midda Waaqa hunnaamessaa tee’eera.
Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te’e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.
Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba’aa dabare, Yesuusii Ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti. Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu’uuf nayuu dande’u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te’uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye.
Nuuti jalqaba’aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te’e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du’iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du’a fanno’oo ossatee midda barcumaa mootumma’aa ka Waaqaatitti tee’e.
Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addatama’aa fi mararticha te’ee, kolbaan araara cubbu’uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise.
«Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,
dhibee teennalle ba’ate.
Te’uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,
akka Waaqi balaa isatti buusee,
akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname;
sababa yakkaa teennaatiifille butute.
Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne;
madaa isaatille’een nuuti fayyine.
Annuun nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;
maqaan isaa, «Gorsaa maade’ee,
Waaqa hunnaamessa,
abbaa bara baraa,
qondaala nageyaa» hin jedhama.
Confessar a Cristo
Todo aquele que confessa que Jesus é o Filho de Deus, Deus permanece nele e ele em Deus. A fé em Cristo é a vitória.
Yesuus Ilma Waaqaa akka te’e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata.
Yesuus Ilma Waaqaa akka te’e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata.
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu’uuf mudhise. Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge.
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu’uuf mudhise.
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
Eentu biyya lafaa injifatuu dande’a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te’e nama dhugeeffatu calla’atti biyya lafaa injifatuu dande’a.
Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu’uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti. Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.
Viver em Cristo
Já não sou eu quem vive, mas Cristo vive em mim. Ele supre toda necessidade, dá paz e reina como Senhor.
Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.
Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.
Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa’aaf nu dade.
Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa’aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu’uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha’a.
Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba. Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.
Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu’uu kennuuf galanni te’u!
Kiristoos ammoo akka Gootta’aatitti adda baasa’aatii ulfeessa’a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te’a’a.
Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te’ee ka mudhate Yesuus Kiristoos.
O Rei eterno
O Rei dos reis voltará em glória e majestade. Todo joelho se dobrará e toda língua confessará que Jesus Cristo é o Senhor.
Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama’aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee’eeraayyu; inni balchumma’aan mura, hin lolalle’e. Ilti isaa akka bobe’a ibiddaa ti; mataa ifii irralle’etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera. Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti. Loltooti ol-gubba’aa woyaa quncee talba’aa irraa hujante adi’ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee’anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu. Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku’uu ta sibiilaatiille’een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni’ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande’uu itti cunfantu hin dhiita. Woya’aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera.
Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!
Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe.
Toomaas deebisee, «Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!» jedhe.
Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te’ee fi Ilma Waaqaalle te’e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.
Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.
Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.
Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande’u. Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande’ee harka Abba’aatii isaan hin butu. Abba’aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
«Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti.
Nami fannoo ifii ba’atee na hin hordonne naaf ka malee moti.
Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.
Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande’antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande’anti» jedhe.
Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande’ane Waaqaaf hin dande’anti» jedhe.
Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.