Pular para o conteúdo
Publicidade

Legalidades

Por Bíblia Online

A Bíblia reconhece a necessidade de leis e governo civil. Os cristãos são chamados a obedecer às autoridades estabelecidas por Deus, enquanto mantêm a lealdade suprema a Cristo.

Submissão às autoridades

Toda autoridade é instituída por Deus. O cristão é chamado a respeitar as leis, pagar tributos e honrar quem governa.

Abbootii Taayitaa Jalatti Buluu

Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Allaah irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Allaahatu muude. Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Allaahatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu. Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii. Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Allaahatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Allaaha kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha. Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha.

Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Allaaha warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii. Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.

Wal jaalladhaa

Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.

Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Allaahan nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.

Bulchitootaaf Buluu

Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa.

Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?"

Iisaan garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; "Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu? Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa." Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; inni immoo, "Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis, "Kan Qeesaari" jedhanii deebisan.

Kana irratti inni, "Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Allaaha immoo Allaahaf kennaa" jedheen.

Obrigações legais

Jesus cumpriu obrigações legais, pagou impostos e orientou seus seguidores a obedecer à lei sem comprometer a fé.

Gibira Mana Qulqullummaa

Yommuu Iisaa fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, "Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?" jedhanii gaafatan.

Innis deebisee, "Ni kaffala" jedheen.

Iisaan yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, "Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?" jedhee gaafate.

Phexrosis deebisee, "Keessummoota irraa walitti qabu" jedhe.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Yoos ijoolleen isaanii bilisa. Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni."

"Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta. Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.

Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu. Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama;

Dhalachuu Iisaa

Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe. Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame. Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.

Yuusufis manaa fi sanyii Daawud keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawud ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. Innis kaadhima isaa Mariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.

Perspectiva divina

As nações são como uma gota no balde diante de Deus. Ele abre portas que nenhuma lei pode fechar.

Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti;

isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu;

inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.

Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman;

isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman;

gatiis hin qaban.

Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha.

Phiilaaxoosis, "Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?" jedheen.

Iisaan immoo, "Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba" jedhee deebiseef.

Seja o primeiro

Este artigo te tocou? Faça uma oração!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.