Ler a Bíblia
Ler a Bíblia é essencial para a vida cristã. A Escritura é lâmpada para os pés, alimento para a alma e espada do Espírito. O cristão que lê a Bíblia é transformado pela Palavra.
A importância de ler
Meditar na Palavra dia e noite traz prosperidade e bom sucesso. Ler a Bíblia ilumina o entendimento e fortalece a fé.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;
daandii kootiif immoo ifa.
Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna;
wallaalotaafis hubannaa kenna.
Ani seera kee akkaman jaalladha!
Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif,
diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf,
barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?
Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,
dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
A Escritura é inspirada
Toda a Escritura é útil para ensinar, corrigir e instruir em justiça. Examine as Escrituras — nelas encontramos a vida eterna.
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
Namni dubbii raajii kana dubbisu eebbifamaa dha; warri waan raajii sana keessatti barreeffame dhagaʼanii eeganis eebbifamoo dha; barichi dhiʼaateeraatii.
Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
Estudar com diligência
Os bereanos eram mais nobres porque examinavam as Escrituras diariamente. O estudo dedicado da Bíblia produz maturidade espiritual.
Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
Izraan Seera Waaqayyoo quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; "Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?
Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu.
Badhaasa Ogummaa
Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee
ajaja koos of keessatti kuufatte,
yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee
yaada kee hubannaatti deebifatte,
yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee
hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee
akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta;
Waaqa beekuus ni argatta.
Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.