Medo da morte
O medo da morte é universal, mas Cristo o venceu. A Bíblia ensina que para quem crê, a morte perdeu o aguilhão — não é mais motivo de terror, mas porta para a eternidade com Deus.
Cristo venceu a morte
Jesus assumiu carne e sangue para, pela morte, destruir o que tinha o poder da morte e libertar os que viviam em escravidão pelo medo dela.
Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Iisaanis duʼa ofii isaatiin ibliis isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; "Duuti moʼichaan liqimfameera." Akkasumas,
"Yaa duʼa, moʼichi kee meerre?
Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?"
Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera. Allaah karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.
Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana.
A promessa da vida eterna
Quem ouve a Palavra e crê já passou da morte para a vida. O amor perfeito lança fora o medo, até o medo da morte.
"Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu."
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.
Não temas
Jesus disse: não temais os que matam o corpo. No vale da sombra da morte, o Senhor está conosco como pastor e protetor.
Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa jahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee
ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;
uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif ibliis isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
Namni qajeelummaadhaan jiraatu,
gara nagaa seena;
isaan siree isaanii irra boqotu.
"Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii."
Kunis akkuma,
"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"
jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.