Pais e filhos
A relação entre pais e filhos é uma das mais preciosas na Bíblia. Deus estabeleceu a família como escola de fé, amor e formação de caráter.
Honrar pai e mãe
Honrar os pais é o primeiro mandamento com promessa. Os filhos são chamados a obedecer, respeitar e cuidar de seus pais.
Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Ijoollee fi Warra Isaanii
Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."
Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
Jecha kudha torbaffaa
Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;
haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,
ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,
ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Allaah gammachiisaatii.
Instruir os filhos
Os pais devem instruir os filhos no caminho certo. A educação começa cedo, com disciplina amorosa e ensino constante da Palavra.
Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;
inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,
morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti
gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;
kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?
Filhos como bênção
Os filhos são herança do Senhor. A coroa dos velhos são os filhos dos filhos, e a glória dos filhos são seus pais.
Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,
akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.
Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.
Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.
Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;
haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;
namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.
Fakkeenyawwan Suleyimaan:
Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
"Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu? Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu? Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"
Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.
Isin garuu yoo Rabbii Allaah tajaajiluu hin barbaanne, waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqeffatamtoota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Rabbii Allaah waaqeffanna."
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.