O pão da vida
Jesus se declarou o Pão da Vida — o alimento espiritual que satisfaz a fome mais profunda da alma humana. Quem come deste pão viverá para sempre.
Eu sou o Pão da Vida
Jesus disse: 'Eu sou o pão da vida; quem vem a mim nunca terá fome.' Ele é o sustento que sacia a alma eternamente.
Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
Buddeenni jireenyaa ana.
Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, "Ani buddeena shamaayʼun irraa gad buʼee dha" jedheef isatti guungumuu jalqaban.
Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Allaahan Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii."
O pão que dá vida ao mundo
Jesus é o pão vivo que desceu do céu. Quem come da sua carne e bebe do seu sangue tem a vida eterna e será ressuscitado no último dia.
Buddeenni jiraataan shamaayʼun irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti."
Iisaan immoo akkana jedheen; "Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Saciar a fome da alma
Bem-aventurados os que têm fome e sede de justiça, porque serão fartos. Nem só de pão vive o homem, mas de toda palavra que sai da boca de Deus.
Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;
isaan ni quufuutii.
Iisaan immoo deebisee, " ‘Namni dubbii afaan Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
Hin Yaaddaʼinaa
"Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu? Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?