Pular para o conteúdo
Publicidade

As 10 parábolas mais importantes de Jesus

Por Bíblia Online  - 

Jesus ensinou lições profundas por meio de parábolas, histórias curtas e simbólicas que comunicam verdades espirituais. Cada parábola tem um significado especial e atemporal, revelando o caráter de Deus e ensinando como viver como cristãos. Aqui estão 10 das parábolas mais marcantes e suas lições:

1. Parábola do Semeador (Mateus 13:3-9)

Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; "Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan. Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile. Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge. Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe. Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate. Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu."

A parábola do semeador fala sobre a receptividade das pessoas à Palavra de Deus. Cada tipo de solo representa diferentes maneiras de receber e aplicar o Evangelho em nossas vidas. Somente um coração fértil e comprometido pode dar frutos espirituais abundantes.

2. O Bom Samaritano (Lucas 10:25-37)

Fakkeenya Namicha Samaariyaa Tokkoo

Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Iisaa qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, "Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate.

Iisaanis deebisee, "Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?" jedheen.

Namichis, " Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu" jedhee deebise.

Iisaanis, "Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa" jedheen.

Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, "Ollaan koo eenyu?" jedhee Iisaa gaafate.

Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe. Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe. Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef. Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare. Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kennajedheen.

"Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?"

Hayyuun seeraa sunis, "Isa garaa laafeef sana" jedheen.

Iisaanis, "Atis dhaqiitii akkasuma godhi" jedheen.

Essa parábola nos ensina sobre o amor ao próximo, independentemente de raça ou religião. O samaritano ajudou um desconhecido, mostrando que a verdadeira fé se revela no amor ao próximo.

3. A Ovelha Perdida (Lucas 15:4-7)

"Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee, mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaajedha. Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif shamaayʼun keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.

Deus é como o pastor que busca incessantemente uma ovelha perdida. Essa parábola revela o amor incansável de Deus pelos pecadores, celebrando a alegria no céu quando alguém se arrepende.

4. O Filho Pródigo (Lucas 15:11-32)

Fakkeenya Ilma Badee

Iisaan ittuma fufee akkana jedhe; "Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture. Ilmi quxisuun abbaa isaatiin Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kennijedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire.

"Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse. Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe. Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge. Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture.

"Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa. Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; "Yaa abbaa ko, ani shamaayʼunii fi sitti cubbuu hojjedheera. Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali."  Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe.

"Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.

"Gurbichis, Yaa abbaa ko, ani shamaayʼunii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malujedheen.

"Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa. Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus. Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.Isaanis gammaduu jalqaban.

"Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe. Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate. Tajaajilaan sunis deebisee, Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qalejedheen.

"Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate. Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine. Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!

"Abbaan isaas akkana jedheen; Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti. Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’ "

A parábola do filho pródigo fala sobre o perdão e o amor incondicional de Deus por Seus filhos, mesmo quando se desviam.

5. A Pérola de Grande Valor (Mateus 13:45-46)

"Akkasumas mootummaan shamaayʼun daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.

Jesus ensina que o Reino de Deus é o bem mais precioso e devemos estar dispostos a renunciar tudo para possuí-lo.

6. O Fariseu e o Publicano (Lucas 18:9-14)

Fakkeenya Fariisichaatii fi Namicha Qaraxa Walitti Qabuu

Iisaanis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime. "Namoonni lama duʼaa godhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan. Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee duʼaa godhate; Yaa Allaah, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha. Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.

"Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, Yaa Allaah, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara shamaayʼun hin ilaalle.

"Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama."

Essa parábola nos lembra que Deus valoriza um coração humilde e arrependido, em contraste com a arrogância espiritual. O publicano, ao reconhecer seus pecados, foi justificado diante de Deus.

7. Os Talentos (Mateus 25:14-30)

Fakkeenya Taalaantii

"Ammas mootummaan shamaayʼun nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate. Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme. Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate. Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate. Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse.

"Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate. Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheerajedheen.

"Gooftaan isaas deebisee, Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!jedheen.

"Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheerajedheen.

"Gooftaan isaas deebisee, Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!jedheen.

"Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka. Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.

"Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa? Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture.

" Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama. Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.

Nesta história, Jesus ensina sobre a responsabilidade de usar bem os dons e recursos que Deus nos confiou. A fidelidade nas pequenas coisas abre portas para bênçãos maiores.

8. O Rico e Lázaro (Lucas 16:19-31)

Namicha Sooressaa fi Alʼaazaar

"Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture. Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture. Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan.

"Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan malaʼikkoonni Allaaha isa baatanii gara bobaa Ibraahimitti isa geessan; sooressichis duʼee qabbarame. Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Ibraahimin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Ibraahim keessatti arge. Innis iyyee, Yaa Abbaa koo Ibraahim, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergijedheen.

"Ibraahim garuu akkana jedhee deebise; Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.

"Dureessi sunis akkana jedhee deebise; Yoos yaa Abbaa, akka ati gara mana abbaa kootti Alʼaazaarin naa ergitu sin kadhadha; ani obboloota shan qabaatii; akka isaanis iddoo dhiphinaa kana hin dhufneef inni dhaqee isaan haa akeekkachiisu.

"Ibraahim garuu, Isaan Muusaa fi nabiiʼiyyoota qabu; isaanuma haa dhagaʼanjedhe.

"Dureessichis, Akkas miti; yaa abbaa koo Ibraahim; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratujedheen.

"Ibraahimis, Isaan yoo Muusaa fi nabiiʼiyyoota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amananjedheen."

A parábola alerta sobre as consequências de negligenciar os necessitados e viver para si mesmo. Também destaca a realidade do julgamento e da vida após a morte.

9. O Joio e o Trigo (Mateus 13:24-30)

Fakkeenya Aramaa

Iisaan akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan shamaayʼun nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata. Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme. Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.

"Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?jedhaniin.

"Innis deebisee, Diinatu kana hojjetejedhe.

"Garboonnis, Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?jedhanii isa gaafatan.

"Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa. Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, "Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa" jedhee isaanitti nan hima.’ "

Essa história simboliza o bem e o mal coexistindo no mundo até o julgamento final, quando Deus fará a separação entre os justos e os ímpios.

10. As Dez Virgens (Mateus 25:1-13)

Fakkeenya Dubarran Kurnanii

"Yeroo sanatti mootummaan shamaayʼun dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan. Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.

"Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!jedhu tokko dhagaʼame.

"Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaajedhan.

"Warri ogeeyyiinis deebisanii, Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaajedhaniin.

"Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.

"Ergasii dubarran kaanis dhufanii, Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!jedhaniin.

"Inni garuu deebisee, Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beekujedheen.

"Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.

Jesus enfatiza a necessidade de estarmos sempre preparados espiritualmente para Sua segunda vinda, pois ninguém sabe o momento exato.

As parábolas de Jesus continuam sendo fontes ricas de sabedoria e direção para a vida cristã. Ao aplicarmos esses ensinamentos, nos aproximamos mais de Deus e de Sua vontade.

Se este artigo te ajudou, faça sua parte e compartilhe a Palavra de Deus com aqueles que você ama.

Seja o primeiro