Publicidade

Pecado

Por Bíblia Online

O pecado é a realidade que separa a humanidade de Deus. Mas a Bíblia também revela a solução: o sangue de Cristo que nos purifica e a graça que nos liberta de toda condenação.

A universalidade do pecado

Todos pecaram e carecem da glória de Deus. Não há justo, nem sequer um. O pecado entrou no mundo por um homem, mas a graça veio por Jesus.

sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Allaaha irraa citaniiruutii;

sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Allaaha irraa citaniiruutii; isaanis ayyaana Allaaha isa furama karaa Al-Masiihi Iisaatiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.

Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Allaaha duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.

Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Allaaha garuu karaa Gooftaa keenya Al-Masiihii Iisaatiin jireenya bara baraa ti.

Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra;

hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti;

hundi keenya akkuma baalaa coollagne;

cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.

Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii.

Liberdade da condenação

Não há condenação para os que estão em Cristo Jesus. Ele nos libertou da lei do pecado e da morte para vivermos em novidade de vida.

Hafuura Jireenyaa

Egaa amma murtiin warra Al-Masiihii Iisaa keessa jiraatanitti muramu hin jiru; seerri Hafuura jireenyaa karaa Al-Masiihii Iisaatiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.

Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Allaahaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Allaahaf dhiʼeessaa. Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.

Garboota Qajeelummaa Taʼuu

Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu! Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii? Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Allaahaf galanni haa taʼu. Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu.

Garboota Qajeelummaa Taʼuu

Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!

Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha. Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii. Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala. Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti.

Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.

Confissão e perdão

Se confessarmos os nossos pecados, Deus é fiel e justo para nos perdoar e purificar de toda injustiça. A confissão liberta a alma.

Cubbuu fi Dhiifama

Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru. Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu.

Yaa Allaah, akkuma jaalala kee

kan hin geeddaramne sanaatti na maari;

akkuma baayʼina araara keetiitti,

yakka koo narraa haqi.

Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;

cubbuu koo irraas na qulqulleessi.

Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera;

waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera;

kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha;

yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.

Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe;

yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.

Ati keessa namaatti dhugaa hawwita;

kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.

Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa;

na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.

Gammachuu fi ilillee na dhageessisi;

lafeen ati caccabsites haa ililchu.

Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu;

yakka koo hundas narraa haqi.

Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;

balleessaa koos si hin dhokfanne.

Anis, "Irra daddarba koo, Rabbii Allaahatti nan himadha" nan jedhe;

atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.

Namni yakki isaa dhiifameef,

kan cubbuun isaas haguugameef,

eebbifamaa dha.

Rabbii Allaah, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu

maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.

Rabbii Allaah, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;

isaan durumaa jalqabanii jiruutii.

Cubbuu afaan kootii

yookaan dogoggora koo hin yaadatin;

yaa Rabbii Allaah, gaarummaa keetiif jedhiitii

akkuma araara keetiitti na yaadadhu.

Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa?

Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.

Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;

kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.

Vencendo o pecado

Cristo nos resgatou e nos restaurou. Devemos mortificar as obras da carne, fugir do pecado e prosseguir em santidade.

Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.

Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."

Akka nu isumaan qajeelummaa Allaaha taanuuf Allaahan nuuf jedhee Al-Masiihii isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

akkasuma immoo Al-Masiihiin cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

Namni cubbuu hojjetu kan ibliis; ibliis jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Allaaha hojii ibliis diiguudhaaf mulʼateetii.

Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Allaah irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.

Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Allaaha biratti hin barbaachisuutii.

Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa. Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii.

"Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;" utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin;

Responsabilidade e restauração

O pecado tem consequências, mas Deus restaura o arrependido. Devemos corrigir uns aos outros com mansidão e cobrir o pecado com amor.

Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.

Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Al-Masiihii ni eegdu.

Cubbuu Walitti Hojjechuu

"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.

Cubbuu Walitti Hojjechuu

"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.

"Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.

"Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?

Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.

Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii duʼaa walii godhaa. Duʼaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.

Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Allaahatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Allaaha taʼa.

Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.

Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.

Fuga do pecado

Bem-aventurado o que não anda no conselho dos ímpios. O caminho do justo é guardado pelo Senhor, e sua Palavra nos protege da queda.

Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,

yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,

yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.

Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi;

cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.

Namni amanamaan sodaa malee deema;

kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.

Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.

Isin akka jalʼoonni mootummaa Allaaha hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Allaaha hin dhaalan.

Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, "Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa" jedhe. Iisaanis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, "Namichi kunoo ti!" isaaniin jedhe.

Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, "Fannisi! Fannisi!" jedhanii iyyan.

Phiilaaxoos immoo deebisee, "Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne" jedheen.

Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu."

Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda."

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-