Gravidez e maternidade
Gravidez e maternidade são bênçãos celebradas na Bíblia. Deus forma cada criança no ventre, cuida da mãe e da família, e abençoa a geração dos justos.
Filhos são herança do Senhor
Deus abençoa a fertilidade e o crescimento das famílias. Cada criança é obra de suas mãos, conhecida e amada antes mesmo de nascer.
Ati kolbaa dhibii caalaa hin eebbifanta; nama keeti keessaa dhiirtii fi dubartiille finna hin dhabanu; horii keeti keessalle’ee ka maseenu hin jiraatu.
Sanyiin Israa’elii ka achitti hafane ammoo horanee guddoo bacatanee, lafa Gibxi’ii guutane.
Sanyiin isaa lafa san keessatti
worra jabaa hin te’an;
dhalooti worra qajeela’aa hin eebbifanti.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ani dubartii deyiisa geette akka hin deenne hin godhaa? Yennaa dubartiin deettu, ani ka gadaamessa cufuu?» jedha.
Força e cuidado na gravidez
Deus dá forças à mulher grávida e a sustenta em cada etapa. Sua graça é suficiente e seu poder se aperfeiçoa na fraqueza.
Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.
Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada.
Gurra keeti gara kiyya deebifadhu;
ariifadhuu na baasi.
Rassaa ani itti baqadhu,
na baasiisaaf, kushee jadduu naaf te’i.
Addii kutadhee,
qaccee lafaa irraa si waammadha;
Gara rassaa na caalaa
ol ka’eeruu san na geessi.
Inni akka tisse’ee, hoolee ifii hin tissa;
inni akka ilmoolee hoole’ee
harka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata;
haadhotii ilmoole’ee malaan sooressa.
Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii,
isin sanyii Israa’elii keessaa worri hattane na dhage’a’a!
Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege;
dhaloota keessaniin jalqabee
ka isin ba’ate ana.
Haga isin dulloontanee arrii baatanutti
ka isin ba’atu ana;
ani isin dadeera; isin hin ba’adha;
isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.
A bênção da maternidade
A Bíblia honra a maternidade como ministério sagrado. As mães são instrumentos de Deus para formar vidas e transmitir a fé.
Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna’aa fi jaalalaan, woyyumma’aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti.
Ijoolleen isi’ii lafaa kaatee,
«Gammadee» jettee isii waanti;
abbaan manaa isi’iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa,
Namichi niitii ifii Heewwan bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; «Ani qarqaarsa Waaqaatiin ilma tokko dhaggadheera» jettee maqaa isaa, «Qaayin» baache.
Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe Saaraa yaadatee, waadaa gale isi’iif muummesse. Dullummaa Abrahaamii keessa, yennaa Waaqi isatti dubbatetti, Saaraan ulfoottee ilma isaaf deette.
Ribqaan maseena waan teeteef, Yisihaq marroo isi’iitiif Mootii Waan Maraa daadimate. Mootiin Waan Maraalle daadimata isaa dhage’ee, niitiin isaa Ribqaan ulfootte.
Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu’el baafatte.
Proteção divina
Deus protege a mãe e o bebê, guardando-os de todo mal. Ele acompanha cada momento com ternura e fidelidade.
Nami gollaa Waaqa Ol Aana’aa jala le’u,
ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande’uu jalatti foorfatu,
Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,
Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
«Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
«Namooti adoo wol lolanuu dubartii ulfaatitti bu’anee, ulfi sun irraa bayee, isiin guddoo miidhamuu dhaddulle, nami isii miidhe sun waan dhirsi isi’ii isa gaafatee fi waan abbootiin mura’aa itti murte kennuu ti. Miidham hamaa yoo te’e ammoo, qooda lubbu’uu, lubbuu;
Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu
dedhuu dandeettii?
Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?
Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
Esperança e promessa
A maternidade é caminho de esperança. Como Sara, Ana e Isabel, as mães encontram na fé a força para aguardar as promessas de Deus.
Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne teetulle, Waaqi waadaa gale addatamaa akka te’e waan beekeeruuf, dhugeeffanna’aan hunna uumatiisaa dhaggate.
Dubbiin Goottaan isi’itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette.
Maariyaam:
«Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;
ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
Inni garbittii ifii
gad aantuu qaabateera.
Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.
Waaqi dande’aan waan guddoo naaf godhe.
Maqaan isaalle woyyicha.
Maseentittiin haadha ijoolle’ee teetee,
gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha;
Mootii Waan Maraa leellisa’a.
Ani isii hin eebbisa; isii irraa ilma si’iif hin kenna. Ani isii hin eebbisa, isiille haadha gosa biyya adda addaa hin teeti; sanyii isi’ii keessaa gariin mootota hin te’an» jedhe.
Niitiin teeti mana keeti keessatti,
akka muka woyni’ii
ka midhaan buusuu hin teeti;
ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,
akka lattuu muka ejersaa hin teeti.