Preservação das escrituras
A Palavra de Deus permanece para sempre. As Escrituras foram preservadas por Deus ao longo dos milênios para instrução, consolação e guia de todas as gerações.
A Palavra eterna
Céus e terra passarão, mas as palavras de Deus jamais passarão. Sua Palavra é eterna, infalível e imutável — a verdade que sustenta tudo.
Shamaayʼunii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Ani dhuguman isinitti hima; hamma shamaayʼunii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Allaah keenyaa garuu bara baraan ni jiraata."
"Foon hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti;
margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."
Dubbiin kunis injiila isinitti lallabame sana.
Isin karaa dubbii Allaaha isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
"Foon hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti;
margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."
Dubbiin kunis injiila isinitti lallabame sana.
A inspiração divina
Toda Escritura é inspirada por Deus. Homens santos falaram da parte do Senhor, e a Palavra escrita é a expressão fiel da vontade divina.
Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa nabiiʼiyyichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Allaahatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
Dubbii Allaah Kan Xumuraa: Ilma Isaa
Bara durii Allaahan yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin nabiiʼiyyootaan abbootii keenyatti dubbatee ture; bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
Ani akka wanni Allaahan hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Allaahan akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
A Palavra como guia e tesouro
A Palavra de Deus é lâmpada para os pés, espada do Espírito e tesouro para o coração. Guardá-la e meditá-la nos protege do pecado.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,
dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
Shamaayʼuniiwwan ulfina Allaaha odeessu;
bantiin shamaayʼuniis hojii harka isaa labsa.
Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,
halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;
sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.
Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,
dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.
Inni shamaayʼuniiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi
akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.
Isheenis handaara shamaayʼuniiwwanii tokkoo baatee
gara handaara kaaniitti naannofti;
wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.
Seerri Rabbii Allaah mudaa hin qabu;
lubbuu namatti deebisa.
Ajajni Rabbii Allaah amanamaa dha;
nama wallaalaa beekaa godha.
Seerri Rabbii Allaah qajeelaa dha;
garaadhaaf gammachuu kenna.
Ajajni Rabbii Allaah qulqulluu dha;
ijaafis ifa kenna.
Dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;
innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee
yeroo torba qulqulleeffamee ti.
Rabbii Allaah ati nu eegda;
dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
Inni garuu maal jedha? "Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;" innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha;
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Al-Masiihiin dhagaʼama. Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru:
"Sagaleen isaanii lafa hunda,
dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe."
Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu. Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
akka guutama Allaaha hundaan guutamtaniifis jaalala Al-Masiihii kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif duʼaa nan godha.
Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Allaaha durattis fudhatamaa dha; Allaahan akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.