Publicidade

Redentor

Por Bíblia Online

Deus é o nosso Redentor. Ele nos resgatou da escravidão do pecado, nos libertou das cadeias e nos comprou com preço altíssimo — o sangue de seu Filho.

Liberdade em Cristo

Cristo nos libertou para a liberdade. Aquele a quem o Filho liberta é verdadeiramente livre. O Redentor quebra toda cadeia.

Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.

Bilisummaa Al-Masiihiin Argamu

Akka bilisummaan jiraannuuf Al-Masiihiin bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.

Bara Tola Rabbii Allaah

Sababii Rabbii Allaahan akka ani

hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,

Hafuurri Rabbii Allaah Gooftaa narra jira.

Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,

akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,

warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

Hafuura Jireenyaa

Egaa amma murtiin warra Al-Masiihii Iisaa keessa jiraatanitti muramu hin jiru; seerri Hafuura jireenyaa karaa Al-Masiihii Iisaatiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.

Redenção e salvação

Deus nos redimiu por amor. Ele apagou nossas transgressões e nos salvou não por mérito nosso, mas por sua misericórdia.

Ani yakka kee akkuma duumessaa,

cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera.

Ani si fureeraatii,

ati gara kootti deebiʼi."

Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."

innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.

Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Allaaha taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.

Refúgio e proteção

O Redentor é nosso refúgio e fortaleza. Ele livra os que clamam, sara os quebrantados e se alegra por nós com cântico.

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud garbicha Rabbii Allaah; innis yommuu Rabbii Allaahan harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Zabuurii kana Rabbii Allaahaf faarfate. Innis akkana jedhe:

Rabbii Allaah jabina ko, ani sin jaalladha.

Rabbii Allaahan kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;

Allaahan koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;

inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

Rabbii Allaah, ani kooluu sitti galeera;

ati gonkumaa na hin qaanessin;

qajeelummaa keetiin na oolchi.

Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,

warra na ariʼatan harkaas na baasi.

Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Rabbii Allaahanis isaan dhagaʼa.

Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.

Rabbii Allaahan warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;

warra abdii kutatanis ni fayyisa.

Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;

Rabbii Allaahan garuu hunda isaa jalaa isa baasa;

Yaa Allaah Fayyisaa keenya,

ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;

maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;

cubbuu keenya illee nuu dhiisi.

Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,

lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.

Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,

harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,

warri Rabbii Allaah jaallatan hammina haa jibban.

Rabbii Allaah, afaan sobuu fi

arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.

Vestidos de salvação

O Redentor nos veste com roupas de salvação e manto de justiça. Ele se alegra por nós e nos cobre com seu amor.

Ani Rabbii Allaahatti guddaa nan gammada;

lubbuun koos akka malee Allaah kootti gammaddi.

Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu,

misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana,

wayyaa fayyinaa natti uffiseera

uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.

Rabbii Allaahan kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-