Publicidade

Sabedoria

Por Bíblia Online

A sabedoria é um dos temas mais ricos da Bíblia. O temor do Senhor é seu princípio, e buscá-la vale mais que ouro ou prata. Deus promete dar sabedoria generosamente a quem pedir com fé.

O princípio da sabedoria

O temor do Senhor é o início de toda sabedoria verdadeira. Quem reverencia a Deus aprende a viver com discernimento e prudência.

Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

"Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa;

gad of qabuunis ulfina dura dhufa.

Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.

Galanni isaa bara baraan jiraata.

Ogummaan garuu eessaa argamti?

Hubannaanis eessa jiraata?

Namni gatii isaa hin beeku;

inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.

Tujubni, "Inni na keessa hin jiru" jedha;

galaannis, "Inni na bira hin jiru" jedha.

Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;

gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.

Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti

yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.

Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;

inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.

Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;

gatiin ogummaa lula diimaa caala.

Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;

warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.

Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?

Hubannaanis eessa jiraatti?

Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;

simbirroota shamaayʼun jalaas baddeerti.

Badiisnii fi Duuti, "Nu oduu ishee qofa

gurra keenyaan dhageenye" jedhu.

Sabedoria como dom de Deus

A verdadeira sabedoria vem do alto. Deus a concede generosamente a quem pede com fé, sem lançar em rosto a fraqueza humana.

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

Rabbii Allaahan ogummaa namaa kennaatii;

afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.

Rabbii Allaahan ogummaa namaa kennaatii;

afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.

yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee

hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,

ati Rabbii Allaah sodaachuu ni hubatta;

Allaah beekuus ni argatta.

Yaa Allaah abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas:

Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta;

waan nu si kadhanne na beeksifteerta;

ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta."

akkana jedhe:

"Maqaan Allaaha bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu;

ogummaanii fi humni kan isaa ti.

Allaahanis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.

A sabedoria do alto

A sabedoria que vem de Deus é pura, pacífica, amável, cheia de misericórdia e de bons frutos. Ela se opõe à sabedoria terrena e mundana.

Ogummaan shamaayʼun irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

Ogummaan shamaayʼun irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

Ogummaan shamaayʼun irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

Ogummaa Gosa Lamaa

Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.

Ogummaa Hafuura Irraa Argamu

Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. Garuu nu ogummaa Allaaha, ogummaa dhokfamee ture, isa Allaahan uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna.

nu garuu Al-Masiihii isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha; warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Al-Masiihiin humna Allaahatii fi ogummaa Allaaha ti. Gowwummaan Allaaha ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Allaahas jabina namaa irra jabaa dha.

Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu.

Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu.

Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Allaaha jechuunis Al-Masiihii beekaniif; badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.

Direção e discernimento

Deus guia os humildes na justiça e ensina seu caminho aos mansos. Ele promete dirigir nossos passos quando confiamos nele de todo o coração.

Garaa kee guutuun Rabbii Allaah amanadhu;

hubannaa kees hin abdatin;

karaa kee hunda keessatti isa dursi;

innis daandii kee siif qajeelcha.

Ani ogeessa ofiin hin jedhin;

Rabbii Allaah sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;

ani ija koo jaalalaatiin sin ilaalaa; sin gorsa.

Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;

karaa isaas isaan barsiisa.

Rabbii Allaah, karaa kee na argisiisi;

daandii kees na barsiisi;

ati Allaah Fayyisaa koo waan taateef,

dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;

anis guyyaa guutuu sin eeggadha.

Adeemsi nama Rabbii Allaah biraa ajajama;

inni karaa namicha sanaatti ni gammada.

Ani waanan si amanadheef,

akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.

Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,

karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.

Ati sababii Allaah koo taateef,

akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;

hafuurri kee gaariin sun

karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.

Rabbii Allaah, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi;

qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.

Rabbii Allaah, karaa kee na barsiisi;

sababii ani diinota baayʼee qabuuf

daandii qajeelaa irra na buusi.

A Palavra como fonte de sabedoria

A Palavra de Deus é lâmpada para os pés e luz para o caminho. Meditar nas Escrituras nos dá entendimento superior ao dos mestres.

Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;

daandii kootiif immoo ifa.

Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;

daandii kootiif immoo ifa.

Akka ani seera kee keessatti

waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.

Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna;

wallaalotaafis hubannaa kenna.

Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,

yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,

yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.

Garuu inni seera Rabbii Allaahatti gammada;

seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu;

yeroo ati raftu si eegu;

yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.

Sabedoria prática para o dia a dia

A sabedoria se aplica em cada decisão: nas finanças, nos relacionamentos, no trabalho e no uso do tempo. Vivamos como sábios, não como insensatos.

Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.

Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.

Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;

dhuma irratti ati nama ogeessa taata.

Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;

dhuma irratti ati nama ogeessa taata.

Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;

namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.

Gorsaan karoora baafadhu;

qajeelfama ogummaatiin waraana bani.

waraana banuuf qajeelfama,

moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.

Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;

kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu

warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.

Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;

kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.

Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;

namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.

Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;

gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;

gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.

Garaan nama hubataa beekumsa argata;

gurri ogeessaas waan kana barbaada.

Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;

garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.

Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata;

yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.

ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;

warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;

Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa. Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa. Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Al-Masiihii Goofticha.

O valor da sabedoria

A sabedoria é mais preciosa que rubis. Quem a encontra, encontra a vida e alcança o favor do Senhor. Nada se compara a ela.

Namni ogummaa argatu

kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;

Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata;

Rabbii Allaah biratti illee fudhatama argata.

Ogummaa argachuun warqee caala;

hubannaa argachuunis meetii caala!

Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata;

Rabbii Allaahan garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.

Karoorri garaa kan namaa ti;

deebiin arrabaa garuu Rabbii Allaah biraa dhufa.

Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana

ogummaanis daʼoo dha;

faayidaan beekumsaa garuu kana:

innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.

Ati, "Barri durii maaliif bara kana caale?" hin jedhin;

waan kana gaafachuun ogummaa miti.

Allaahan nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Allaah gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.

Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; qabrii ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii.

A sabedoria e a soberania de Deus

Os caminhos de Deus são mais altos que os nossos. Sua sabedoria é insondável, eterna e infinitamente superior ao entendimento humano.

"Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

karaan koo karaa keessan irraa,

yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.

"Yaadni koo yaada keessan,

karaan keessanis karaa koo miti"

jedha Rabbii Allaahan.

Ati hin beektuu?

Ati hin dhageenyee?

Rabbii Allaah bara baraa ti;

inni Uumaa handaara lafaa ti.

Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;

hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.

Ati hin beektuu?

Ati hin dhageenyee?

Rabbii Allaah bara baraa ti;

inni Uumaa handaara lafaa ti.

Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;

hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.

Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf,

Rabbii Allaahan Gooftaan arraba barate naa kenneera.

Inni ganama ganama na dammaqsa;

akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.

Warra Gibxin Abdataniif Wayyoo

Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif,

warra fardeen abdataniif

warra gaariiwwan isaaniitii fi

jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii

garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle

yookaan gargaarsa Rabbii Allaah hin barbaanneef wayyoo.

Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa;

inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu.

Inni mana hamootaatti,

warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.

Wanni kun hundinuu Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu,

isa mariidhaan dinqisiisaa,

ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.

Hafuurri Rabbii Allaaha,

Hafuurri ogummaatii fi hubannaa,

Hafuurri gorsaatii fi humnaa,

Hafuurri beekumsaatii fi kan Rabbii Allaah sodaachuu isa irra qubata;

inni Rabbii Allaah sodaachuutti ni gammada.

Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu;

yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaʼuun hin murteessu;

Rabbii Allaahan yeroo hunda si geggeessa;

inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta;

lafee kees ni jabeessa.

Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee,

akka burqaa hin gognees ni taata.

Allaah Jajuu

Badhaadhummaan ogummaatii fi

beekumsa Allaaha hammam gad fagaata!

Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu!

Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!

Allaah kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Iisaa Al-Masiihiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen.

Moʼattoota Caaluu

Allaahan warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.

Rabbii Allaah, hojiin kee akkam baayʼee dha!

Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette;

laftis uumamawwan keetiin guutamte.

Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;

hubannaan isaas dhuma hin qabu.

Ati gorsa keetiin na qajeelchita;

ergasii immoo ulfinatti na galchita.

Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,

bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.

Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;

arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.

Rabbii Allaahatti gammadi;

innis hawwii garaa keetii siif guuta.

Rabbii Allaah, sababii diinota kootiif jedhiitii

qajeelummaa keetiin na dura buʼi;

karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.

Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis

gammachuudhaan na guutta;

gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.

Isaanis booʼaa dhufu;

yeroo ani deebisee isaan fidutti Allaah duratti duʼaa godhatu.

Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi

Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef,

ani qarqara burqaa bishaanii irra,

daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.

Duʼaa Ermiyaas

Rabbii Allaah, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka;

namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.

Allaahan garuu humna isaatiin lafa uume;

ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;

hubannaa isaatiinis shamaayʼuniiwwan diriirse.

Ati waaʼee boriitiin hin boonin;

waan guyyaan fidu hin beektuutii.

Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan;

warri Rabbii Allaah barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.

Allaah isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf, waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Al-Masiihi Iisaatiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Akeekkachiisa Dhumaa

Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. "Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba."

Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha:

"Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin;

yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin;

Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii;

inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba."

Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.

Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Suleyimaan dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Suleyimaanin caalu as jira.

Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota

"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.

Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii.

Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa."

Rabbii Allaahan ogummaadhaan hundee lafaa buuse;

hubannaadhaanis shamaayʼuniiwwan iddoo isaanii kaaʼe;

Ogummaan jaarsolii biratti,

hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii?

"Ogummaa fi humni kan Allaaha ti;

gorsii fi hubannaanis kan isaa ti.

Ayyuub

Ayyuub akkana jedhee deebise:

"Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka.

Namni garuu akkamitti fuula Allaaha duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?

Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade

kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.

Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha.

Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.

Rabbii Allaahan maal sirraa barbaada?

Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,

akka ati gad of qabdee Allaah kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

Akkanas jedheen; "Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Rabbii Allaah isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii.

Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-