Publicidade

Sofrimento

Por Bíblia Online

O sofrimento é uma realidade da vida neste mundo, mas a Bíblia revela que Deus está presente em toda dor, produzindo caráter, esperança e redenção através das tribulações.

O sofrimento de Cristo

Jesus sofreu por nós, carregando nossas dores e enfermidades. Ele é o modelo supremo de como enfrentar o sofrimento com fé e obediência.

Inni nama biratti tuffatamee jibbame;

inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha.

Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii,

inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.

Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;

gadda keenyas baate;

nu garuu akka waan Allaahan isa dhaʼeetti,

akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.

Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan; gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, "Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!" jedhanii isatti qoosan.

Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Al-Masiihiin akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.

Ani Al-Masiihii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;

O propósito do sofrimento

Deus usa as tribulações para produzir perseverança, caráter e esperança. O sofrimento presente não se compara com a glória que será revelada.

Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.

Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada.

Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.

Akkuma nu dhiphina Al-Masiihii keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Al-Masiihiin jajjabinni nuu baayʼata.

Isin akka Al-Masiihitti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;

Kanaafuu waan Al-Masiihiin foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera.

Consolação e companhia

Deus consola os aflitos para que possamos consolar outros. Nunca estamos sozinhos no sofrimento — Ele é o Pai das misericórdias.

Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Al-Masiihii ni eegdu.

Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;

Rabbii Allaahan garuu hunda isaa jalaa isa baasa;

Allaahan ayyaana hundaa karaa Al-Masiihiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.

Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. "Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas."

Fé em meio à dor

Os grandes homens e mulheres de fé sofreram e perseveraram. O sofrimento nos aproxima de Deus e nos leva a entender seu coração.

Kana irratti Ayyuub uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:

"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;

qullaa koos nan deema.

Rabbii Allaahatu kenne; Rabbii Allaahatu fudhate;

maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu."

"Namni Allaahan adabu eebbifamaa dha;

kanaafuu ati adabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.

Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu.

Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.

Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Ibraahimin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Ibraahim keessatti arge. Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Ibraahim, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen.

Innis gad si deebisee si beelessee "mannaa" ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Rabbii Allaahatii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.

Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee?

Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.

Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Allaaha qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan nabiiʼiyyoonnii fi Muusaan ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu. Kunis akka Al-Masiihiin dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha."

Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-