Publicidade

Trabalhar para Deus

Por Bíblia Online

Trabalhar para Deus vai além do ofício secular. É dedicar a vida inteira — palavras, ações e atitudes — ao serviço do Reino, reconhecendo que cada tarefa pode glorificar o Senhor.

Servindo ao Senhor em tudo

Quando trabalhamos como para Deus, cada ação se torna um ato de adoração. Não importa a tarefa — o que importa é o coração dedicado.

Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Al-Masiihii Goofticha.

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Allaaha duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.

akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.

Chamados para as boas obras

Fomos criados em Cristo Jesus para boas obras, que Deus preparou de antemão para que andássemos nelas. Não somos salvos por obras, mas para obras.

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Allaahan duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Al-Masiihi Iisaatiin uumamne.

namni Iisaa Al-Masiihitti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Al-Masiihii irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Al-Masiihi Iisaatti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.

Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Allaahan ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.

Waan Hunda Guungummii Malee Hojjechuu

Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Allaahatii.

Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif, yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Al-Masiihiitti of jajuu nan dandaʼa.

A missão do cristão

O chamado a trabalhar para Deus inclui a Grande Comissão: fazer discípulos de todas as nações, cooperando com Ele na expansão do Reino.

Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;

Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.

Nu warra Allaah wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Allaaha ti; ijaarsa Allaahatis.

Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Al-Masiihii duratti dhiʼaachuu qabnaatii.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-